Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan wabii anniisaa, nageenyaa fi guddina waloo naannoo Afriikaa bahaati

Onkoloolessa 13/2019 (ENA)-‎ Itiyoophiyaan wabii anniisaa, nageenyaa fi guddina waloo naannoo Afriikaa bahaa ta’uushee gorsaan ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa ibsan.

Foramiin Xaanaa 12ffaan magaalaa Bahaar Daar qarqara haroo Xaanaatti mata duree “daandiiwwan Afriikaa gara nagaatti geessan,birmadummaa dinagdee fi cehumsa ji’oo siyaasaa”jedhuun har’aa eegalee gaggeeffamaa jira.

Foramii Xaanaa baranaatiin furmaata nageenyaa Ardii Afriikaatti fiduun birmadummaa dinagdee fi jiijjiirama ji’oo siyaasaa fiduu dhimmoota dandeessisanirratti ni mari’atama.

Afriikaa dhugaa fudhachuurraa gara oomishtummaatti ceesisuuf shoora  hoggantoonni olaanoo Afriikaa qabanirratti ni mari’ata.

Sagantaa Kanaan galaana diimaa fi nageenya naannoo Afriikaa bahaa irratti ergamtoota addaa Afriikaa bahaa yaa’iin ergamtoota addaaa gaggeeffameera.

Gorsaan ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa wayita kana akka jedhanitti, jijjiiramni Itiyoophiyaa keessatti gama hundaan argamu biyyoota naannichaaf murteessaadha.

Gama dinagdeen, siyaasaa fi dhimmoota nageenyaarratti biyyoota naannichaaf humna dabalataa uuma jedhaniiru.

Itiyoophiyaan biyya guddachaa jirtuu fi ummata miil. 130 qabdu ta’uushee eeranii, guddinnishee biyyoota naannichaan ija gaariin ilaalamuu akka qabu ibsaniiru.

Carraaqquun nageenyaa fi tasgabbiif  Itiyoophiyaan naannawa daangaatti taasiftu hawaasni addunyaa sirriitti hubachuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015