Tamsaasa Kallatti:

Nageenya galaana diimaa Afriikaa bahaa eegsisuuf tumsa biyyoota naannichaa amansiisaa ta’e cimsuu barbaachisa-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Nageenya galaana diimaa Afriikaa bahaa eegsisuuf tumsa biyyoota naannichaa amansiisaa ta’e cimsuun akka barbaachisu daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.

Foramiin Xaanaa 12ffaan magaalaa Bahaar Daar qarqara haroo Xaanaatti mata duree “daandiiwwan Afriikaa gara nagaatti geessan,birmadummaa dinagdee fi cehumsa ji’oo siyaasaa”jedhuun har’aa eegalee gaggeeffama.

Foramii Xaanaa baranaatiin furmaata nageenyaa Ardii Afriikaatti fiduun birmadummaa dinagdee fi jiijjiirama ji’oo siyaasaa fiduu dhimmoota dandeessisanirratti ni mari’atama.

Afriikaa dhugaa fudhachuurraa gara oomishtummaatti ceesisuuf shoora olaanoo Afriikaa qabanirratti ni mari’ata.

Sagantaa Kanaan galaana diimaa fi nageenya naannoo Afriikaa bahaa irratti ergamtoota addaa Afriikaa bahaa yaa’iin ergamtoota addaaa ni gaggeeffama.
 

Mata dureewwan Afriikaatti nageenya waaraa, jijjiirama haala qilleensaa fi hawaasa cimaa ijaaruu dandeessisanirratti cinaatti mariin gaggeeffamuu eegaleera.

Dinagdee seeraan alaa, sochii maallaqaa walitti bu’iinsa Sudaan kibbaa fi Sudaaniin taasifamu, ejensiiwwan Afriikaa jijjiirama dhaabbilee idil addunyaarratti deeggarsa walitti qabuu, Afriikaatti nageenya waaraa buusuun seerota mirga namoomaa idil addunyaa kabachiisuu, daldalaa fi nageenya  naannoo irratti mariin cinaatti ni gaggeeffama.

Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waltajjicharratti akka ibsanitti, ji’oon siyaasaa fi walxaxxummaan gaanfa Afriikaa itti caalaa dhufeera.

Gaanfi Afriikaa boba’aa, albuudota murteessoo, lafa hin qotamnee fi bishaan dabalatee qabeenya uumamaa hin tqamne akka qabdu ibsaniiru.

Sarara daldalaa idil addunyaa kan ta’an galaana diimaa, dachee Arabaa, galaana Hindii fi garbi meditiraaniyaan bakka itti walitti dhufan ta’uu dubbataniiru.

Finxaalessummaa fi shororkeessummaan Afriikaa bahaatti yaaddoo walirraa hin cinne uumaniiru jedhan.

Daldalli galaanarraa Itiyoophiyaa guutummaatti galaana diimaarratti kan hirkatee fi bu’ura naannichaa ta’uushee eeranii, yaaddoo nageenyaa dhabamsiisuun, daldala galaanarraa fi dooniiwwan daldalaashee eeguuf dirqama akka qabdu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015