Tamsaasa Kallatti:

Hidhi Magac Gondaritti argamu Gaanaatti hojii keenya akka sakattaanu nu kakaaseera-Pirezidaantii Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa

Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Hidhi jallisii Magac hidhii karaa wal fakkaatuun waggoota hedduu dura eegalamee osoo hin xumuramiin hafe deebifnee eegaluuf ciminaa fi humna kan namaa kennu ta’uu pirezidaantiin biyyattii Joon Diraamaanii Mahimaa ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirojektii hidha jallisii Magac har’a eebbisanii tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa sagantaa eebbarratti argamanii dubbii dubbataniin, Itiyoophiyaan gita bittaaf kan hin jilbeeffanne Itiyoophiyaan Afriikaanotaa mallattoo bilisummaati jedhaniiru.

Gaanaan Saaaraa gaditti kan bilisoomte biyya jalqabaa ta’uunshee Itiyoophiyaa waliin seenaadhaan akka walitti fidu dubbataniiru.

Seenaa pirojektii hidha Milaalchisee pirezidaantichi yoo dubbatan, ijaarsi hidha kanaa A.L.A bara 1998 yemmuu eegalamu yeroo dargaggummaasaaniitti itti aanaa ministiraa ta’uun jireenya siyaasaa yeroo itti eegalan akka ture dubbataniiru.

Sana booda adeemsaan pirezidaantii biyyasaanii ta’anis, pirojektichi garuu yeroo dheeraaf osoo hin xumuramiin addaa cite turuusaa ibsaniiru.

Haa ta’u malee waggoottan sadii dura hooggansa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin, pirojektichi bayyanatee xumuramee yeroo eebbisan arguusaaniitti akka itti boonan gochuusaa dubbataniiru.

Gaanaatti waggoottan hedduu dura eegalamee osoo hin xumuramiin kan hafe pirojektiin bishaanii fi jallisii Piwaaluguu (Pwalugu) akka argamu eeraniiru.

Pirezidaantichi shoora hoggantoota Ardichaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, abbootiin Afriikaa Kanaan duraa Afriikaa gita bittaarraa bilisoomsuuf akkuma qabsaa’an, hoggantoonni har’aa ammo guddina dinagdee fi badhaadhina ummatasaaniif fiduuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015