Tamsaasa Kallatti:

Karoorri misooma damee dinagdee bara 2019 Godina Giddu-galeessa Oromiyaa mirkanaa’e


Onkoloolessa 13/2019(ENA) Godina Giddu-galeessa Oromiyaatti koreen dinagdee Godinichaa karoorawwan misooma hawaas-dinagdee bara 2019 irratti mari’achuun mirkaneessaniiru.

Karoorri diinagdee bu’a qabeessa ta’e guddina diinagdee biyyaalessaa cimsuu, oomishtummaa guddisuu fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf murteessaadha.



Karoorichi kallattii misooma dinagdee biyyaalessaa waliin wal simsiisuun qabeenya jiru sirnaan fayyadamuu, oomishtummaa fi oomisha guddisuu, carraa hojii bal’isuu, akkasumas jireenya hawaasaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uu Itti aanaa Bulchaa fi Itti gaafatamaan damee misoomaa Godina giddu-galeessa Oromiyaa Obbo Abbaabbuu Waaqo ibsaniiru.

Marii Karoora Damee Misooma Diinagdee bara 2019 irratti gaggeeffameen, hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa taasisuu, raawwii karooraa cimsuu fi galmoota misoomaa karoorfaman milkeessuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uun irratti mari’atameera.

Itti Aanaa Bulchaa fi itti gaafamaan damee misoomaa Godina giddugaleessa Oromiyaa obbo Abbaabbuu Waaqoo, galmoota karoorfaman milkeessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun, qabeenya jiru bu’a qabeessa ta’een fayyadamuun, hojii misoomaa irratti qindoominaan hojjechuunii fi raawwii karooraa yeroo yeroon hordofuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.


Dabalataanis, karoorri diinagdee bara 2019 qophaa’e bu’uuraalee misoomaa cimsuu, dameewwan oomishtummaa qaban guddisuu, carraa hojii uumuu fi guddina diinagdee waaraa deeggaruun, galmoota misooma biyyaalessaa sadarkaa godinaatti milkeessuuf gahee olaanaa qaba.

Milkaa’inni karoorichaa hirmaannaa qaamolee mootummaa, dameewwan misoomaa, abbootii qabeenyaa fi hawaasaa irratti kan hundaa’u ta’uun hubatameera.

Karoora mirkanaa’e gara hojiitti hiikuun bu’aa qabatamaa hawaasaaf fiduuf qindoominaa fi itti gaafatamummaan hojjechuun murteessaa ta’uun ibsameera.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015