Tamsaasa Kallatti:

Pirojektii Jallisii Magaci waggoota 19f harkifachaa ture yaadama ida’amuun xumursiisuun gara eebba guddaatti jijjiirreerra - Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Onkololessa 13/2019 (ENA): Pirojektii Jallisii Magaci waggoota 19f harkifachaa ture yaadama ida’amuun xumursiisuun gara eebba guddaatti jijjiirreerra jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD).

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Pirojektii Hidha Jallisii Magac guyyaa har'aa ifatti eebbisuun tajaajilaaf bananiiru.


 

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) eebba kanarratti argamuun akka ibsanitti Pirojektiin Magac waggoota 19f harkifatee kan ture yoo ta’u, kunis raawwii fi dandeettiin hooggansa piroojektii laafaa ta’uu isaati jedhani.

Itiyoophiyaan qabeenyaa fi dandeettii qabaattus gara dandeettii gurmaa’etti jijjiiruu dadhabuun ishee pirojektoonni akka Magac akka harkifatan taasiseera jechuun akeekaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiy yi Ahimad waggaa lama dura pirojekticha yeroo daawwatan ijaarsi isaa abbaa qabeenyaa kan hin qabne ta’uu fi hojiin isaa haala gaarii hin taane ta’uu isaa ilaaluu isaanii yaadataniiru.

Kunis ummanni Gondar bishaan dheebuu fi qabeenya qabaachuu danda’u irraa fayyadamuu akka hin dandeenye taasiseera jedhan.

Mootummaan ida’amuu pirojekticha gamaaggamee, abbummaa itti ramadee, kontiraaktara jijjiiree hordoffii cimaa taasisuun, waggaa lama keessatti xumuramuu isaa ibsaniiru.

Mootummaan hanqinaalee kanneen sirreessuun dandeettii pirojektoota hojiirra oolchuu fi yeroon xumuruu ijaaruu isaa agarsiiseera jedhan.

Gondar seena qabeettii iddoo turizimii ishee gabbisuuf hojiiwwan akka hojjetamanis akeekaniiru.

Ummanni Gondar misoomaaf tokkummaan akka dhaabbatuu fi hojiiwwan misoomaa eegsisuu akka qabu dhaamaniiru.

Mootummaan fayyadamummaa misoomaa naannoo Amaaraa mirkaneessuuf kutannoon kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

Mootummaan ida’amuu qaroomina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojjechaa akka jiru ibsuun, mul’ata guddaa kana galmaan ga’uuf hunduu ga’ee isaa akka ba’u waamicha dhiyeessaniiru.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015