Qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota gahoome horachuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota gahoome horachuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Godinichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota dandeettii fi teekinolojiin gahoome horachuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuun ibsame.
Godina Kibba Baha Oromiyaa damee Asallaatti yaa'iin barnootaa hoggantootaa garaa garaa fi qooda fudhattoota barnootaa hirmaachise gaggeeffameera.
Yaa'ichaan gabaasni raawwii hojii baruu fi barsiisuu manneen barnoota aanaalee fi magaalota damee Asallaa hirmaattotaaf dhiyaachuun milkaa'ina hojii fuulduraa irratti kallattiin kennameera.
Hirmaattotni marichaas jijjiirama gama qulqullinaa barnootaan dhufaa jiru caalmaan ittifufsiisuuf tumsa kan taasisan ta'uu dubbataniiru.
Itti aanaa bulchaa fi qindeessaan damee nageenyaa Godina Kibba Baha Oromiyaa obbo Abdurrazaaq Huseen waggoottan dabran xiyyeeffannoo mootummaan damee barnootaaf kennee hojjachaa tureen rakkooleen gama qulqullina barnootaan mul'atan furamuun raawwiin gaariin galmaa'uu ibsaniiru.
Humna namaafi qabeenya jiru qindeessuun waliin gahiinsa qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota dandeettii fi teekinolojiin dorgomaa ta'ee uumuuf gurmaa'insi caasaa haaraa godinichaas gahee olaanaa kan qabu ta'uu himaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa godina Kibba Baha Oromiyaa obbo Abraaham Haylee, godinichatti hirmaannaa qaamolee hunda bu'ureeffate diriirsuun bu'aa barachuu barattootaa foyyeessuu,manneen barnootaa mijataa taasisuu fi qulqullina barnootaa dabaluun gahuumsa dhaloota egeree mirkaneessuurratti jijjiiramni bu'aa qabeessa galmaa'uu dubbatan.
Yaa'ii barnootaa gaggeeffameen cinaatti barattoota kutaa 6ffaa,8ffaa fi 12ffaa qormaata naannoo fi biyyaaleessatiin qabxii olaanaa galmeessan, barsiisota adda duree, daarikteroota manneen barnootaa fi qaamoolee galma gahiinsa barnootaa keessatti gahee olaanaa bahataniif sirni beekamtiifi badhaasaa kennameera.Koomunikeeshinii godinichaarraa