Tamsaasa Kallatti:

Torban bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan golambaa saayinsiitti ni gaggeeffama

Onkoloolessa 13/2019 (ENA)-Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan Onkoloolessa 16 hanga 20tti golambaa Saayinsiitti akka gaggeeffamu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Ministeerichi torban Bishaanii fi Inarjii ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Gorsaan Olaanaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Dooktar Mikaa'el Mahaarii ibsa kennaniin, Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa sadarkaa biyyaalessaatti kabajamuu erga eegalee waggaa sadii guuteera.

Waltajjiin jalqabaa faayidaa Ashaaraa Magariisaa irratti kan xiyyeeffate akka ture eeranii, waltajjiin lammaffaan immoo mata duree “Bishaanii fi Inarjii Guddina Waaraaf Oolchuu” jedhuun gaggeeffamuu yaadachiisaniiru.

Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan kanaa Wixata dhufu irraa eegalee guyyoota shaniif golambaa Saayinsiitti kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Yaa’ichi gumiiwwan idil-addunyaa gara fuulduraatti gaggeeffamaniif yaadota galtee ta'an irratti mari'achuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.

Yaa’ichi  milkaa'inoota damee bishaanii fi inarjiitiin Itoophiyaatti galmaa'anii fi hojiiwwan gara fuulduraatti hojjetaman kan itti dhiyaatan ta'uu eeraniiru.

Waltajjii guyyoota shaniif turu kanarratti waraqaan qorannoo garagaraa eegumsa sululaa, bishaanii fi inarjii irratti xiyyeeffatan ogeeyyii Itoophiyaa fi biyyoota alaan akka dhiyaatan ibsaniiru.

Waltajjicharratti Hoggantoonni mootummaa, hayyoonnii fi ogeeyyiin garaagaraa kan hirmaatan ta'uus himaniiru.

Guyyoota waltajjichi itti gaggeeffamutti dhimmoota jijjiirama qilleensaa, anniisaa, bishaan, dippilomaasii bishaanii fi itti fayyadama qabeenya bishaanii daangaa ce'aa irratti barreeffamoonni qorannoo dhiyaachuun mariin akka irratti gaggeeffamu ibsaniiru.

Dabalataanis, Waltajjiin Qooda Fudhattootaa 15ffaan kan gaggeeffamu yoo ta'u, waltajjicharratti ministiroonni Bishaanii fi Inarjii duraanii muuxannoo isaanii akka qoodan Dooktar Mikaa'el Mahaarii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015