Haqni Ce’umsaa Olaantummaa Seeraa Cimsuuf Murteessaadha – Ministira Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee - ENA Afaan Oromoo
Haqni Ce’umsaa Olaantummaa Seeraa Cimsuuf Murteessaadha – Ministira Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee
Onkoloolessa 13/2019 (ENA) – Haqni ce’umsaa olaantummaa seeraa cimsuuf murteessaa ta’uu Ministirri Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee ibsan.
Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen hawaasa siivilii sagantaa foramii waloo haqa cehumsaa waltajjii waloo haqaa ce’umsaa hundeessu gaggeessaa jiru.
Ministirri Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee saganticharratti akka ibsanitti, imaammata haqaa ce’umsaa qopheessuuf yeroo dheeraaf hojiiwwan qorannoo fi marii gaggeeffamaa turaniiru.
Haaluma kanaan, naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti waltajjiileen marii hedduun gaggeeffamuun, kutaalee hawaasaa garaagaraa irraa yaadonni walitti qabamuu isaanii kaasaniiru.
Imaammatichi Mana Maree Ministirootaan erga raggaasifamee booda hojiirra oolmaa isaaf bu’uraalee seeraa barbaachisan qopheessuuf hojiiwwan hojjetamuu ibsaniiru.
Adeemsi haqaa ce’umsaa mufiiwwan sababa walitti bu’iinsaan uumaman furuuf, sarbamiinsi mirga namoomaa irra deebi’ee akka hin raawwatamne ittisuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu himaniiru.
Akkasumas, adeemsi haqaa ce’umsaa sababoota bu’uuraa walitti bu’iinsotaa adda baasuun furuuf, mufiiwwan hawaasa keessatti kuufaman dhabamsiisuu fi walitti bu’iinsi irra deebi’ee akka hin uumamne ittisuuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Hojiiwwan haqaa ce’umsaa adeemsa marii biyyaalessaa waliin qindeessuun tattaaffii ijaarsa nageenyaa biyyattii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Gara fuulduraattis, bu’uuraalee seeraa hirmaannaa ummataatiin xumuruun raggaasisuu fi dhaabbilee imaammataa fi seerota keessatti ibsaman hundeessuun gara hojiirra oolmaa qabatamaatti ce’uun akka danda’amu ibsaniiru.
Adeemsa kana keessatti gaheen dhaabbilee hawaasa siivilii murteessaa ta’uu eeraniiru.
Keessumaa, namoonni sarbamiinsa mirga namoomaatiif saaxilaman, dubartoonnii fi kutaaleen hawaasaa miidhaaf saaxilamoo ta’an adeemsa kana keessatti hirmaannaa hiika qabu akka qabaatan deeggaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Haqa cehumsaarratti hubannoo guddisuun, hojiiwwan qorannoo gaggeessuun fi adeemsa raawwii isaa hordofuun hojiiwwan dhaabbilee hawaasa siivilii irraa eegaman keessaa ta’uu himaniiru.
Adeemsi haqaa ce’umsaa muuxannoo biyyoota biroo irraa barachuu kan gaafatu ta’uu eeranii, hojiirra oolmaan isaa haala seenaa fi dhugaa hawaasummaa biyyattii tilmaama keessa galche ta’uu akka qabu ibsaniiru.
Milkaa’inni adeemsa haqaa ce’umsaa baay’ina walga’iiwwan gaggeeffamanii fi hojiiwwan qophii hojjetamaniin qofa osoo hin taane, dhugaa barbaaduun, itti gaafatamummaa mirkaneessuun, haqa kabachiisuu fi sarbamiinsi mirga namoomaa gara fuulduraatti akka hin raawwatamneef jijjiirama dhaabbilee keessatti fiduun madaalamuu akka qabu Ministirri Haqaa Haannaa Ar’aya Sillaasee ibsaniiru.