Tamsaasa Kallatti:

Ministeera hojii fi ogummaa Pirojektii ‘ELMIS’ irratti yakka malaammaltummaa birrii biiliyoona 1 ol raawwachuun Kan shakkaman irratti himanni baname

Onkoloolessa 13/2019 (ENA) -Ministeera hojii fi ogummaa pirojektii sirna odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaarratti yakka malaammaltummaa guddaa raawwachuun kan shakkame hojii gaggeessaa waajjira pirojektii odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaa kan ture Birhaanuu Alaqaa Asgadoom fi kanneen isa waliin yakka raawwachuun shakkaman irratti himanni banameera.

Poolisiin federaalaa Adoolessa 17 bara 2018 irraa eegalee shakkamtootarratti qorannoo cimaa gaggeessaa ture xumuree abbaa alangaa ministeera haqaatti ergee himanni banameera.

Birhaanuu Alaqaa Asgadoon fi hojjettoonni dhaabbatichaa biroon, abbootiin ejensii hojjetaa fi hojjechiisaa hojjechiisaa walitti Fidanii fi namoota biroo dabalatee namoonni 13 yakka kana keessatti hirmaachuusaanii fi shakkamtoonni itti gaafatama mootummaarraa kennameef cinaatti dhiisuun fi pirojekticha hojmaataan ala sochoosuudhaan jalqabumarraa sadarkaan qulqullinaa siistamichaa osoo hin mirkanaa’iin hojii akka eegalu gochuusaanii poolisiin qorannoo gaggeesseen mirkaneesseera.

Birhaanuu Alaqaa Asgadoom namoota hin baranne ykn leenjii gahaa hin fudhanne kuma 81 fi 236’f namoota hojjetaa dhaabbatichaa hin taanee fi dhaabbatichihin beekne 3sadii waliin ta’uun mirga bulchiinsa siisatamaa addaa kennuudhaan nammoonni osoo hin leenji’iin mirkaneessa ga’umsa ogummaa sobaa akka argatan gochuusaa qorannoon akka bira gahame beekameera.

Gocha yakkaa kanaaf buukiierraga baankii sobaa lama akka banaman gochuun gocha seeraan alaa Kanaan walumaa gala birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 13 fi kuma 609 ol walitti qabuusaa qorannoon mirkanaa’eera.

Kana malees firii yakka kanaa kan ta’e erraga baankii keessa kan ture birriin miiliyoona 249 kan dhorkame yakkamtoota maallaqicha karaa iccitii ta’een gara kiriiptoo karansiitti jijjiiruun kan kaa’an doolaara kuma 965 fi 508 qorannoo teeknooloojiin deeggaramuun mana murteetiin dhorka gochuun gara baankii biyyaalessaatti akka galu taasifameera.

Kana malees shakkamtoonni sharafa alaa osoo hin galchiin osoo hin galchiin ejensiiwwan dhorkaman seeraal ala dhorkaa irraa kaasuun matta’aa birrii miiliyoona 10 fi kuma 100 kan fudhatamanii fi namoota kuma 64 fi 500 sanada viizaa sobaatiin gara Jordaanii fi gara biyyooya Arabaa birootti erguun bu’aa bayii olaanaaf saaxiluu poolisiin qorannoo cimaa taasiseen mirkaneessuusaa ibseera.

Poolisiin ministeera haqaa, tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaabaankii biyyaalessaa waliin qindaa’uun qorannoo gaggeesseen maneen jireenyaa maqaa shakkamtichaan kutaa magaalaa Lammii Kuraa, Boolee fi Qirqoositti kan bitaman maneen jireenyaa ammayyaa 6 birrii miiliyoona 55 amma miiliyoona 68 baasan akkasumas konkolaataa ammayyaa V6 birrii miiliyoona 68’n bitame egzibiitiin to’annaa jala akka oolan taasiseera.

Akkasumas ejensiiwwan yakka kana keessatti kan hirmaatanii fi seera qabeessummaan dahachuun sharafa alaa mootummaan argachuu qabu osoo hin galchiin hafanirratti qorannaa gaggeessaa jiru cimsee itti fufuusaa odeeffannoon poolisii federaalaa mul’iseera.

Kana malees maatiin ijoolleesaanii biyya alaatti erganii eessa buuteensaanii jalaa badee fi yakka Kanaan wal qabatee namoonni odeeffaanoo qaban appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee (EFPApp), bilbila tolaa (991) fi buufata poolisii ismaartii nama malee(SPS),eeruu akkasumas qajeelcha walii galaa qorannoo yakkaa qaamaan dhaquun raga bahu akka raawwatan dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015