Tamsaasa Kallatti:

Doktar Abiyyi Ahimad Piroojektii Jallisii Magaci eebbisiisaan

Onkololeessa 13/ 2019 (ENA) :Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad Piroojektii Hidha Jallisii Magaci eebbisiisaaniiru.

Har’a naannawaa Gondariif missiraachoo kan ta’e Piroojektii Hidha Jallisii Magaci eebbisiisuun hojii eegalchiifnerra jedhan Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasumma isaaniin dabarsaniin.


 

Piroojektichi baroota dheeraaf harkifatee turus yaadama Ida’amuun rakkoolee raawwii turan furuun gara eebbaatti jijjiiruun danda’ameera jedhan.

Piroojektichi Bishaan Meetir Kiyuubii miiliyoona 100 fi miiliyoona 85 ol kan qabatuu fi lafa hektaara kuma 17 misoomsuu akka danda’u ibsan.

Qonnaan bultoota kumaan lakkaawwaman fayyadamoo taasisa.

Piroojektii gaaffii misoomaa jiraattoota naannawichaa deebisuu danda’uudha jedhan.

Jiraattoota magaalaa Goondarii fi naannawaa isheef bishaan dhugaatii gahaa ta’e dhiyeessurra darbee, diinagdee hunda galeessa ta’e fidee kan dhufe ta’uu kaasan.

Harri namtolcheen naannawwaa hidhichaatti uumaman hojii qonna, horsiisa qurxummii, akkasuma misooma Turizimii fi Riizoortiwwanii fi Loojiiwwan bashannanaaf oolaan dargaggoota hedduuf carraa hojii kan uuman ta’uu ibsan.


 

Kanas hordoffii cimaa fi deeggarsa taasisuun milkeessuu dandeenyeerra, Gondar ammas magaalaa hojii misoomaa hedduun ishee keessatti hojjetamuu qabu waan taateef, uummanni misooma ishee irratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha koo nan dhiyeessa jedhan.

Misoomni Itiyoophiyaa naannolee hunda kan hammatuu fi lammiilee hunda walqixa kan of keessatti qabatu akka ta’uuf ciminaan hojjechuu keenya itti fufna jedhuun dubbatan.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015