Tamsaasa Kallatti:

Hulaa Galaanaa haqa malee nurraa fudhatame deebifachuuf mootummaa waliin dhaabbanna – Maanguddoota biyyaa fi haadha Siinqee

Onkololessa 13/2019 (ENA) : Hulaa Galaanaa haqa malee nurraa fudhatame deebifachuuf mootummaa waliin dhaabbanna jedhan Maanguddoonni magaalaa Adaamaa fi haati Siinqee.

Itiyoophiyaan seenaa keessatti Hulaa Galaanaa qabaattus, murtee siyaasaa haqa malee irraa kan ka’e waggoota kurnan sadan darbaniif karri galaanaa itti cufameera.

Kunis guddina dinagdee biyyattii, dorgommii daldalaa, fi qaala’insa gatii jireenyaa lammiilee ishee irratti dhiibbaa guddaa uumeera.

Dhiheenya kana gaaffii hulaa galaanaa mootummaan Ida’amuu ummata duratti kaasuun hordofuun, gareewwan hawaasaa, maanguddoonnii fi hoggantoonni sadarkaa hundarra jiran biyyattiin mirga seeraa fi seenaa ishee akka kabachiiftu deeggarsa qaban ibsaa jiru.

Maanguddoota magaalaa Adaamaatti yaada isaanii ENA’f kennan keessaa obbo Xahaaa Hamdaa akka himanitti, hulaan galaanaa kun shira siyaasaa fi gowwoomsaa diinota seenaa keenyaan nurraa fudhatame jedhani.

Hulaa galaanaa nurraa fudhatame akka nuuf deebi’uuf saboonni, sab-lamoonnii fi ummattoonni mootummaa waliin dhaabbachuun hawaasni addunyaa dhimmicha sirriitti hubatee gaaffii keenyaaf dafee deebii kennuu akka qabu jechuun ibsaniiru.

Dhimmi hulaa galaanaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti malee dhimma siyaasaa miti jedhaniiru.

Haati Siinqee Birqee Kabbadaa gama isaatiin hulaan galaanaa qabeenya uumamaa keenya waan ta’eef shira siyaasaatiin nurraa fudhatame nuuf deebi’uu qaba jedhaniiru.

Qabeenya uumamaa Itiyoophiyaa ta'e kan waldhabdee siyaasaatiin dhabne kana deebifachuuf ummanni biyya keenyaa tokkummaan dhaabbachuu qaba jedhan.

Obbo Fayisaa Margaa gama isaaniin mootummaan ida’amuu dhimma kana qabatee ummatatti gadi buusuun isaa barbaachisaa fi kan yeroon gaafatu waan ta’eef milkaa’ina isaaf mootummaa cinaa dhaabbachuu qabna jedhaniiru.

Dhimmi hulaa galaanaa deebii ariifataa akka argatu ogeeyyiin siyaasaa fi ummanni hundi waliin dhaabbachuu fi tumsuu fi qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015