Tamsaasa Kallatti:

Olaantummaa Seeraa kabachiisuu fi nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti gaheen caasaalee nageenyaa murteessaadha

Onkoloolessa 13/2019(ENA):Olaantummaa Seeraa kabachiisuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf gaheen caasaalee nageenyaa murteessaa ta’uusaa itti aanaan bulchaa fi itti gaafatamaan damee nageenyaa Godina Giddu-galeessaa Oromiyaa Obbo Kifaloo Adaree ibsan.

Olaantummaa seeraa kabachiisuu, nageenya waaraa mirkaneessuu fi haala misoomni itti fufiinsa qabu keessatti gaggeeffamu uumuun gahee fi itti gaafatamummaa caasaalee nageenyaa sadarkaa hundaa ta’uusaa ibsaniiru.


 

Godina Giddu-galeessaa Oromiyaatti caasaaleen nageenyaa sadarkaa garaagaraa irratti argaman dhimmoota nageenyaa, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi misooma irratti xiyyeeffachuun marii gaggeessaniiru.

Itti Aanaan Bulchaa fi Itti Gaafatamaan Damee Nageenyaa Godina Giddu-galeessaa Oromiyaa Obbo Kifaloo Adaree, kaayyoon marii kanaa nageenya hawaasaa mirkaneessuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu, caasaalee nageenyaa sadarkaa hundatti jiran cimsuu fi karooraan of danda’uu gama nageenyaatiin qophaa’e bu’uura cimaa irratti hundeessuun hojiirra oolchuu ta’uu ibsaniiru.

Obbo Kifaloon, nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoomina caasaalee nageenyaa cimsuu, odeeffannoo waljijjiiruu fi hordoffii hojii sirna qabeessa ta’e iddoo barbaachisaa ta’etti gaggeessuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.


Nageenyi bu’uura misoomaa fi jireenya hawaasaa tasgabbaa’aa waan ta’eef tumsi mootummaa, caasaalee nageenyaa fi hawaasaa cimaan barbaachisaa ta’uunis marii kana keessatti xiyyeeffannoo argateera.

Marii kana irratti bulchitoonni aanaalee fi magaalota Godina Giddu-galeessaa Oromiyaa, akkasumas caasaaleen nageenyaa sadarkaa garaagaraa irratti argaman hirmaataniiru.

Marii kanaan qindoomina qaamolee nageenyaa cimsuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya waaraa hawaasaa mirkaneessuuf kallattiiwwan hojii irratti mari’atameera.

Komininikeeshinii Godina gidduugaleessaarraa

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015