Tamsaasa Kallatti:

Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf akkasumas faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu aarsaa kamiyyuu kaffaluuf qophoofneerra-Qondaaltotaa fi miseensota raayyaa

Onkololessa 13/2019 (ENA)- Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf akkasumas faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu aarsaa kamiyyuu kaffaluuf qophoofneerra jechuun dubbatan qondaaltonnii fi miseensonni raayyaa.

Guyyaan raayyaa ittisaa RFDI wagga waggaan Onkoloolessa 15 sirnoota biyyaalessaa fi loltummaa garagaraan kan kabajamu yoo ta’u, guyyaan kun raayyaan birmadummaa biyyaa fi nageenya ummataa eegsisuuf aarsaa kaffalee fi kaffalaa jiru yaadachuu fi kabachiisuuf kan moggaafamedha.

Guyyaan raayyaa ittisaa baranaa mata duree “raayyaa injifannoo” jedhuun Dilbata dhufu dammaqinaan kabajama.

Kana ilaalchisuun ENA’n miseensotaa fi qondaaltota raayyaa ittisaa FDRI waliin gaaffii fi deebii taasiseera.

Raayyaa ittisa biyyaatti hogganaan duulaa tawarwaarii kokob koorii 202ffa kumaalaa Yooseef Waldee akka ibsanitti, raayyaan imaanaa seenaa gootummaa, bilisummaa fi birmadummaa abbootiisaarraa dhaale dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo fi cichoomina olaanaa irratti argama.

Raayyaan birmadummaa fi tokkummaa biyyaaf dahannoo isa dhumaati kan jedhan hogganaan kun, keessumaa dirqama kamiyyuu bahachuuf teknooloojii ammayyaa, leenjii fi qophaa’ummaa olaanaan ga’oomee ijaarameera jedhaniiru.

Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa akkasumas faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu aarsaa barbaachisu kaffaluuf qophaa’ummaa olaanaa irratti argaman jechuun ibsaniiru.

Miseensi koorii 202ffaa loltuu bu’uraa Hayidar Najibawwal gamasaan, jaalala loltummaa fi biyyaaf qaburraa ka’uun Yunivarsiitiirraa digirii jalqabaan akkuma eebbifameen raayyaatti makamuusaa dubbata.

Raayyaan imaanaa bilisummaa fi kabajaa abbootii duraanii itti fufsiisuuf, ogummaa loltummaa keessa galuunii fi barumsa jireenyaa raayyaa keessatti argamu horachuudhaan biyyasaa kutannoon tajaajilaa akka jiru dubbateera.

Miseensa koorii 202ffaa kan ta’e ajajaan kudhanii Saamiraawiit Salamoon dubartii ta’uunshee raayyaatti makamuuf akka ishee hindaangessine ibsuun, miseensa raayyaa gootichaa ta’uusheetti akka boontu dubbatteetti.

Bakka dirqamni kenname hundatti jaalallii fi deeggarsi ummanni amma ammaatti raayyaa keenyaaf agarsiisaa jiru kan raajeffatamudha kan jette ajajaa kudhanii Saamiraawiit, guyyaan raayyaa kabajamuunsaa ummanni caalaatti raayyaa akka deeggaru kaka’umsa uuma jetteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015