Tamsaasa Kallatti:

Humna Galaana Itoophiyaa

 

Itoophiyan seenaa ishee keessatti Humna  loltuu  guutuun of ijaartee  birmadummaa biyya  ishee kabachiiftee  nageenya Gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu keessatti shoora mataa ishee taphachaa turteetti.

Bara 1948 Humni Galaanaa Itoophiyaa Mootii Haayilesillaasee (Haile Silasse I Navy) jedhamuun ifatti moggaafamee buufata humna galaanaa  buufata doonii Mitsiwwaatti hundeesse.

 Pirojektiin ijaarsaa guddaan kun  waggoota sadii walitti aansuun kan  fudhate ta’uusaa fi  bara1950 yeroo xumuramu, Humni Galaanaa Mootii Itoophiyaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Qilleensaa biyyaalessaatti  aanee, damee sadaffaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta’ee tajaajilaa tureera.

 

Erga hundeeffamee kaasee dirqamni isaa inni guddaan qarqara Galaana Diimaa irratti  sakatta’insaa fi eegumsa  idilee gaggeessaa  akka ture seenaan humna galaanaa   Itoophiyaa ni mul’isa.

 Ajajni isaa inni guddaan  Finfinnee  fi Mitsawwaatti   kan hundaa’e yoo ta’u, jalqaba ajaja Eegdota Kabajaa fi Itti aanaa ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jalatti, boodarra ammoo ajaja Impaayera  Haayilasillaasee 1ffaa Itoophiyaa, Ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jala akka  ture  odeeffannoon  seenaa ni mul’isa.

Bara aangoo isaatti humni galaanaa mootii Itoophiyaa Kolleejjii Leenjii Qondaalota Galaanaa Asmaraatti, Kolleejjii Leenjii Qubsumaa Mitsiwaatti, Kolleejjii Leenjii Yuunitii Komaandoo Addaa Mitsiwwaatti, Kolleejjii Komunikeeshinii fi Suphaa Galaanaa Asabaa fi Asmaraatti Odoola Dahlak Galaana Diimaa irratti hundeesse  ture.


 

 Kana malees, fedhii gaarii fi carraaqqii Imperor kanaan lammiileen Itoophiyaan baay’inaan gara Kolleejjii Galaanaa Mootii Noorweey, Kolleejjii Galaana Mootii Biriteen, Akkaadaamii Galaana Xaaliyaanii, Akkaadaamii Galaana Ameerikaa, Aviyeeshinii Galaana Sooviyeet, fi akkaadaamiiwwan qondaala galaanaa beekamoo birootti ergamuun biyya isaanii fi ummata isaanii akka tajaajilan ta’eera.  

Akka  ragaan  seenaa  mul’isutti biyyi keenya Itoophiyaan yeroo sanatti  qarqara galaanaa kiiloo meetira kuma tokko (1,000)  Galaana Diimaa irratti kan qabdu yoo ta’u, biyya daangaa ishee bira darbee sadarkaa idil-addunyaatti guddummaashee  mirkaneessite turte.

Haa ta'u malee bara 1983 mootummaan ADWUI yeroo  jijjiiramu humni galaanaa Itoophiyaa diigame.

Dhiheenya kana humnoota gurguddoo addunyaa dabalatee biyyoonni Galoo Galaanaa hedduun Buufata doonii ijaaruu fi buufata waraanaa Gaanfa Afrikaa (qarqara Galaana Diimaa fi Galaana Hindii irratti) ijaaruuf dorgommii keessa seenuun isaanii ni beekama.

Biyyi keenya Itiyoophiyaan waldorgommii biyyoota naannichaa gidduu jiru gama buufata waraanaa hundeessuufi ijaarsa buufata dooniitiin taasifamu of eeggannoodhaan kan ilaalte yoo ta’u, nageenya dooniiwwan daldalaa ishee fi dorgommii naannichaa irratti dhiibbaa geessisuu malu kamiyyuu tilmaama keessa galchitee jirti.

 Dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi nageenya dooniiwwan daldalaa ishee haala amanamaa ta’een eeguuf jecha, humni galaanaa Itiyoophiyaa buufata doonii mataa isaa qabaachuu baatus, bu’uura labsii lakkoofsa 1100/2011 bu'uureffachuudhaan, Humni Galaanaa Itoophiyaa qarqara galaanaa mataa ishee  kan hin qabne ta'us, akka kutaa humnoota ittisaatti hundaa'ee hojii eegaleera.

Humni Galaanaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa humna namaa, bu’uuraalee misoomaa, fi leenjii gahaa ta’een of gurmaa’ee, bu’uura cimaa fi bu’uura gaarii qabuun ergama itti kenname ba’uuf haala isa dandeessisuun gara fuulduraatti tarkaanfachuu kan danda’u  ta’aa jira.

Itoophiyaanis haala qajeelfama Idil- addunyaa  hordofuun  hulaa galaanaa  seeraan ala harkaa bahe  deebifachuuf  hojjechaa jirti.

Itoophiyaan baay’ina uummataa saffisaan guddatu qabdu  hulaa  bahinsaa dhabdee  keessa turuu dhiistee, Hulaa Galaanaa argachuun jireenya dhaloota dhufuu fi barbaachisummaan dinagdee kan dirqamsiisedha  ta’uu hubachuun hojjechaa jirti.


 

Gama biraatiin, Humni Galaanaa Itoophiyaa dantaa biyyaaleessaa guutummatti eegsisuuf dandeettii cimaa irra jira.

Dhaabbatichi biyyoota michuu Afrikaa, Awurooppaa fi Eezhiyaa waliin leenjii fi tumsa cimaa uumeera.

Humni Galaanaa Itoophiyaa hundeeffamee tajaajilawwan  kanneen  kennu keessaa muraasni :

Nageenya bishaanii biyya keessaa eeguu : Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, Haroo Xaanaa fi qaamolee bishaanii biyyattiin qabdu sa'aatii  eeguu.

 Leenjii fi Humna Namaa: humna namaa   gita sanaan  leenjisuun hojitti bobbaasuu, walitti dhufeenya biyyoota biroo waliin qabdu cimsuun nageenya galaana diimaa eegsisuu  keessatti shoora mataasaa ni taphata.

 Dantaa Biyyaalessaa: Daldala alaa fi birmadummaa biyyaalessaa ilaalchisee fedhii hulaa galaanaa fi nageenya galaanaa mirkaneessa .

 Marsariitii Raayyaa ittisa  biyyaa Itoophiyaarraa odeeffanne.

https://dfmc.mod.gov.et/

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015