Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee walitti hidhaminsa daldala fi hariiroo tarsimo’aa cimsa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee walitti hidhaminsa daldala fi hariiroo tarsimo’aa cimsa
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee walitti hidhamiinsa daldala idil-addunyaa ishee cimsuu bira darbee, hirmaannaa dippiloomaasii fi istiraateejawaa isheen gaanfa Afrikaa keessatti qabdu kan guddisu ta’uu Hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan.
Barsiisaa fi qorataan kutaa Barnoota Hayidrooliikii fi Misooma Qabeenya Bishaanii Yuunivarsiitii Jimmaa Dr.Daawud Tamaam Galaanni diimaan sarara daldala Idil-Addunyaa murteessaa ta'uu bira darbee,fedhii tarsiimowaa biyyoota adda addaa mirkaneessuuf Riijinii xiyyeeffannoon kennamuuf ta'uu ibsaniiru.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti buufata galaanaa naannoo Galaana Diimaa waliin hariiroo akka qabdu yaadachiisan Dr. Daawud, hulaa galaanaa argachuun ishee walitti hariiroo daldala idil-addunyaa ishee babal'isuu fi hirmaannaa tarsimawaa naannicha keessatti qabdu cimsuuf gahee murteessaa akka qabu hubachiisaniiru.
Dr.Daawud akka ibsanitti, hulaa galaanaa argachuun Itoophiyaaf hariiroo daldalaa bira darbee, walta'insa naannoo fi hariiroo dippiloomaasii fooyyessuu keessatti faayidaa guddaa qaba.
haata’u malee fedhii ishee kana milkeessuuf waliigaltee Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee seeraa fi seera-qabeessummaa idil-addunyaa hordofuun akka barbaachisu eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuun, barsiisaa fi qorataan kutaa barnoota Miidiyaa fi Komunikeeshinii Yuunivarsiitii Jimmaa Dr.Geetaachoo Xilaahuun, Itoophiyaan hula galaanaa dhabuun ishee taateewwan seenaa waliin kan walqabate ta'uu ibsaniiru.
Baay’ee dabaluun baay'ina uummataa fi sochii diinagdeeshee hulaa galaanaa argachuun hammam barbaachisaa akka ta'e kan agarsiisu ta'uu kan ibsan Dr. Geetaachoon, kunis Itoophiyaaf faayidaa diinagdee guddaa, dippiloomaasii fi siyaasaa kan qabu ta'uu dubbataniiru.
Hulaa galaanaa argachuun Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane gaanfa Afrikaatiifis faayidaa kan qabu ta'uu kan ibsan Dr.Geetaachoo Xilaahuun dhimma kana milkeessuuf karaalee seera-qabeessa hordofuu fi marii irratti hundaa'uun hojjechuun akka eegamu eeraniiru.
Dabalataanis, tattaaffiin karaa seera-qabeessaa fi mariin taasifamu fedhii Itoophiyaa milkeessuu bira darbee, walta'insaa fi hubannoo biyyoota naannichaa cimsuuf akka gargaaru eeraniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa