Tamsaasa Kallatti:

Misooma Qamadii jallisii bonaa bara 2019 milkeessuuf sirna bishaan Jallisii cimsuun dhiyeessii bishaanii murteessaa ta’uu ibsame

Onkoloolessa 12/2019 (ENA)-Misooma Qamadii jallisii bonaa bara 2019 milkeessuuf sirna bishaan Jallisii cimsuu fi hanqinoota dhiyeessii bishaanii furuun murteessaa ta’uun ibsame.‎

Koreen olaanaa fi teeknikaa misooma Qamadii bonaa naannoo Oromiyaa, galma misooma qamadii jallisii Bonaa bara 2019 milkeessuuf haala hojiiwwan barbaachisan qindoominaan raawwachuun danda’amurratti, galma biiroo qonnaa Oromiyaatti marii taasiseera.

‎ Hoogganaan Biiroo Jallisii fi horsiisee bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaa wayita kanatti  kaanaalota jallisii suphuun, paampiiwwan hojii ala jiran deebisanii hojii keessa galchuun, akkasumas teeknooloojiiwwan bishaan qusatan hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

Misooma qamadii jallisii Bonaa keessatti oomishtummaa guddisuuf bishaan jallisii yeroo barbaachisaa ta’etti amma barbaachisu qonnaan bultoota biraan gahuun murteessaa ta’uu dabalanii ibsaniiru.

‎Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa gamasaaniin, bara kana Qamadii jallisii bonaan lafa hektaara miliyoona 4 caalu misoomsuun oomisha kuntaala miliyoona 168 tuqaa 3 galchuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Karoora kana milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi gahee isaanii bahachuun, deeggarsa galteewwanii fi ogummaa barbaachisu yeroon dhiyeessuun xiyyeeffannoo argachuu akka qabus dubbataniiru.

‎‎Hanqinoota dhiyeessii bishaanii fi itti fayyadama sirna jallisii keessatti mul’atan saffisaan furuun, kaanaalota jallisii suphuun, paampiiwwan jiran hojii irra oolchuun, akkasumas teeknooloojiiwwan itti fayyadama bishaanii fooyyessan hojiirra oolchuun karoora misooma qamadii jallisii Bonaa milkeessuuf murteessaa ta’uu dhaamaniiru.

‎Marii kanarrattis, misooma qamadii jallisii Bonaa bara 2019f karoorfame milkeessuuf dhiyeessii galteewwanii, qophii lafaa, bishaan jallisii fi deeggarsa ogummaa wal-simsiisuun hojjechuun barbaachisaa ta’uun irratti xiyyeeffatameera.

‎‎Karoora misooma qamadii jallisii Bonaa milkeessuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuu, qonnaan bultootaaf carraa oomishtummaa fooyya’aa uumuu fi qabeenya bishaanii jiru bu’a qabeessa taasisuuf caasaaleen misooma jallisii sadarkaa sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uun ibsameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015