Tamsaasa Kallatti:

Manni maree bakka bu’oota ummataa komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf sagantaa beekamtii fi galateeffannaa gaggeessaa jira

#Biyya guddoo#ummata guddaa#mul’ata guddaa

Onkoloolessa 12/2019 (ENA) - Manni maree bakka bu’oota ummataa sagantaa beekamtii fi galateeffannaa komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf qoheesse gaggeessaa jira.

Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Ahimad Shdee, mana marichaatti ministirri bakka bu’aan mootummaa Fiqaaduu Tasammaa, miseensonni mana marichaa, komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa dabalatee keessummoonni waamaman argamaniiru.

Komishiniin marii biyyaalessaa hayyoota, paatilee siyaasaa, waldaalee ogummaa, bakka bu’oota ummataa, Itiyoophiyoota biyya alaa jiraatanii fi dhalootaan Itiyoophiyaa dabalatee karaa hirmaachisaa ta’een mariilee bal’aa gochuun hojii ajandaa fo’achuu hojjeteera.

Haala Kanaan ajandaawwan ijoo saddet irratti mari’attoota kuma afur kan hirmaachise yaa’iin marii biyyaalessaa gaggeeffamee milkaa’inaan xumurameera.

Komishinichi marii Kanaan yaadota 394 kan fo’e, yaadota kanneenis mana maree bakka bu’oota ummataaf kenneera.

Waltajjiin manni maree qopheessee fi komishinaroonni marii biyyaalessaa mariachi bu’a qabeessa akka ta’u nagaa fi tokkummaan akka cimu beekamtii kennu gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin manni marichaa har’a qopheesse kun komishinaroonni komishinii marii biyyaalessaa adeemsa marii biyyaalessaaf shoora bahatanii fi nagaa fi tokkummaan akka cimu beekamtii kan kennudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015