Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa Intarpoolii waliin ta’uun qabamee biyyatti kan deebifame Adinawu Bashaa ministeera haqaaf dabarfamee kenname - ENA Afaan Oromoo
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa Intarpoolii waliin ta’uun qabamee biyyatti kan deebifame Adinawu Bashaa ministeera haqaaf dabarfamee kenname
Omnkoloolessa 12/2019 (ENA)-Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa Intarpoolii, ‘ROCH’ fi poolisii Maalaawii waliin ta’uun yakka karaa seeraan alaa daangaa ceesisuutiin shakkamee Maalaawiirraa qabamee biyyatti akka deebi’u kan taasise Adinewu Baashaawu Wuddaamoo fi miiltoosaa Taammiraat Erdaddoo Moloro irratti qorannoo qulqulleessee xumuruun abbaa alangaa ministeera haqaaf dabarseera.
Akkaataa galmee himataa dhihaateetiin himatamtoonni kun Adinewu Bashaawu Wuddaamoo fi Taammiraat Erdaddoo Molooroo karaa seeraan alaa namoota Itiyoophiyaarraa amma Afriikaa Kibbaatti daangaa ceesisuuf garee yakkaa gurmaa’e hundeessanii raawwattoota yakkaa adda duree ta’uun gaggeessuun miidhamtoota magaalaa Hawaasaa fi Hoosaa’inaarraa kaasanii, karaa Moyyaalee, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Maalaawii, Zaambiyaa fi Mozaambiik gocha daangaa ceesisuu raawwachaa akka turan qorannoodhaan akka beekame ibsameera.