Milkaa’inoonni Itiyoophiyaan dippilomaasii fi misooma hunda galeessaan galmeessifte guddummaa biyyattii kan agarsiisanidha - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inoonni Itiyoophiyaan dippilomaasii fi misooma hunda galeessaan galmeessifte guddummaa biyyattii kan agarsiisanidha
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) - Milkaa’inoonni Itiyoophiyaan dippilomaasii fi misooma hunda galeessaan galmeessifte guddummaa biyyattii kan agarsiisan ta’uu hogganaan waajjira ministira dhimma alaa FDRI obbo Adam Tasfaayee ibsan.
Mariin imaammataa kolleejiin ittisaa biyyaalessaa Itiyoophyaa fi inistiitiyuutiin dhimma alaa walii ta’uun mata duree “gamtaa moo gantummaa? Cimdoominni farra Itiyoophiyummaa eessaa garamitti? Jedhuun qopheessan gaggeeffameera.
Hogganaan waajjira ministira dhimma alaa FDRI obbo Adam Tasfaayee wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darban hojiilee misoomaa biyya keessatti hojjetteen dinagdeeshee guddisuun damee dippilomaasiitiin dandeettii fi milkaa’ina fooyya’aa gabbifatteetti.
Keessumaa hojiileen gama Inarjii, qonnaa, wabii nyaataa, misooma dinagdee fi dijitaalaayizeeshiniin hojjetaman dandeettii biyyattii guddisuurra darbanii shoora hariiroowwan naannolee fi idil addunyaan shoora qabdu cimsaa akka jiran ibsaniiru.
Hojiileen gama Inarjiin hojjetaman dhiheessiin anniisaan biyyoota ollaatti akka babal’atu gochuun walitti hidhaminsa dinagdee fi fayyadama waloo cimsuuf gumaacha taasisaa akka jiraneeraniiru.
Itiyoophiyaan misooma kooridaraa fi ijaarsa magaalaa ammayyaatiin bakka turizimii fi konfaransii ta’uushee cimsuuf humna olaanaa akka qabdu himaniiru.
Gaaffiin hulaa galaanaa argachuuf itti jirtu qajeeltoo karaa nagaa, fayyadama waloo fi walii galteerratti hundaa’ee deebii akka argatu mootummaan kutannoon hojjechaa akka jiru dubbataniiru.