Tamsaasa Kallatti:

Hiriirri naannoo Amaaraa bakkeewwan garagaraatti ummanni raayyaa ittisaa deeggaruun gaggeesse nageenyaa fi misooma waaraaf ejjennoo qabu kan ittiin agarsiisedha

Onkoloolessa 12/2019 (ENA) - Hiriirri naannoo Amaaraa bakkeewwan garagaraatti ummanni raayyaa ittisaa deeggaruun gaggeesse nageenyaa fi misooma waaraaf ejjennoo qabu qabatamaan kan itti agarsiise ta’uu biiroon komunikeeshinii mootummaa naannichaa beeksise.

‎Hogganaan biiroo komunikeeshinii mootummaa naannoo Amaaraa Abbaayi mangistee akka ibsanitti, deeggarsa ummataa naannicha bakkeewwan garagaraa keessatti gaggeeffame ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Hiriirri deeggarsaa ummataa fi ergaan carraa Kanaan dabarse nageenya waaraa naannichaa, misoomaa fi guddina waaraaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Hiriirri deeggarsaa bakkeewwan hundatti gaggeeffame kabaja, jaalalaa fi walooma ummanni raayyaa ittisa biyyaaf qabu dirreetti kan itti agarsise ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf hiriirri deeggarsaa naannicha bakkeewwan garagaraatti gaggeesse nageenyaa fi misooma waaraaf ejjennoo qabu qabatamaan kan itti agarsiisedha.

Ergaawwan hiriira kanarratti dabarfaman kabajaa fi galata olaanaa raayyaaf dhiheessuurra darbee qaamolee baandaa fi ergamtuu kan itti balaaleffate ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa dandeettii ummataa ida’uudhaan gama hundaan bu’aa olaanaa galmeessisuun gudinaa fi bayyanannaa fiduuf kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015