Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan sabootaa Sab-lammotaa fi ummattootaa tokkummaa sabdaneessummaa fi walooma cimsuuf shoora guddaa qaba

Onkoloolessa 12/2019 (ENA)- Guyyaan sabootaa Sab-lammotaa fi ummattootaa daneessummaa ummattootaa fi duudhaalee waloo gabbisuun tokkummaa sabdaneessummaa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimsuuf shoora guddaa akka qabaatu itti aanaan af-yaa’ii mana maree federeeshinii Dastaa Leedaamoo ibsan.

Af-yaa’onni maneen maree federaalaa fi naannoo ayyaanni guyyaa sabootaa sab-lammootaa fi ummattootaa bakka itti kabajamu magaalaa Jimmaatti argamuun qophiilee ayyaanichaaf taasifamaa jiru gamaaggamaniiru.

Itti aanaan af-yaa’ii mana maree federeeshinii obbo Dastaa Leedaamoo wayita kana akka jedhanitti, guyyaan sabootaa, san-lammootaa fi ummattootaa daneessummaa, wal kabajaa fi duudhaalee waloo ummattootaa gabbisuun tokkummaa sab daneessummaa cimsa.

Ayyaanni kun kabajamuunsaa Itiyoophiyaa cimtuu wal qixxummaa fi nageenyi waaraan keessatti bu’e ijaaruu fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa taasifamaa jiru keessatti shoora guddaa bahata jedhaniiru.

Ayyaanichi duudhaaleen sabootaa sab-lammootaa fi ummattootaa cimsuun olitti Itiyoophiyaanonni qormaata waloomaan isaanirra gahu cehuun ijaarsa biyyaa akka cimsan ni gargaara jedhaniiru.

Daawwannaa kanarratti kan argaman af-yaa’iin mana maree naannoo Beeniishaangul Gumuz adde Askaalech Albooroo gamasaaniin ayyaanichi daneessummaa cimsuun walooma guddisuuf, akkasumas walitti hidhamiinsa ummattootaa cimsuuf kan dandeessisudha jedhaniiru.

Ayyaanichi magaalaa Jimmaatti kabajamuunsaa qabeenya turizimii magaalattiin qabdu beeksisuuf akka gargaaru fubbataniiru.

Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti bulchaan godina kibba lixaa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal gamasaaniin, guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa ayyaana walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaanotaati jedhan.

Keessumaa yeroo caaseffamni haaraan naannoo Oromiyaatti gaggeeffametti kabajamuunsaa naannawichaaf carraa guddaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015