Aanaa Xiyootti dhiheessiin sanyii filatamaa Qamadii bu’aa qabatamaa buusaa jira - ENA Afaan Oromoo
Aanaa Xiyootti dhiheessiin sanyii filatamaa Qamadii bu’aa qabatamaa buusaa jira
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) – Naannoo Oromiyaa godina kibba bahaa aanaa Xiyootti sanyiin filatamaa Qamadii baay’inaan qonnaan bultootaaf dhihaate bu’aa guddaa galmeessisuusaa waajjirri qonnaa aanichaa beeksise.
Aanaan Xiyoo keessumaa oomisha Qamadiitiin wabii nyaataa biyyaalessaaf gumacha olaanaa taasisaa akka jira.
Haalli qilleensaa mijataan, biyyoon gabbataa fi muuxannoon qonnaan bulaa omisha olaanaa argamaa jiruuf bu’ura ta’aniiru.
Waajjira qonnaa aanichaatti itti gafatamaan adeemsa hojii misoomaa fi kunuunsa midhaanii obbo Zalaalam Shuumii ENA’f akka ibsanitti, midhaan garagaraa lafa heektaara kuma 23 irratti facaafame keessaa hektaarri kuma 19 fi 123 kilaastaraan, heektaarri kuma 15 ammoo Garbuu biiraan misoomeera.
Sanyiiwwan Qamadii Malkaa fi Abbaayi jedhaman aanichatti bal’inaan hojiirra oolaa akka jiru ibsaniiru.
Obbo Zalaalam akka jedhanitti, sanyii filatamaa, teknooloojii qonnaa ammayyaa fi deeggarsa ogeeyyiitiin midhaan kunuunfamaa jira.
Waagii keelloo, mataa Qamadii kan gogsuu fi aramaa ittisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Godina Kibba baha Oromiyaa aanaa Xiyoo jiraataan ganda Dhawataa Goosaa Namoo akka ibsanitti, kilaastaraan gurmaa’anii lafa heektaara 17 irratti sanyii qamadii filatamaa Abbaayi facaasaniiru.
Heektaara tokkorraa Qamadii hkuntaala 50 akka abdatan ibsanii, sanyiin Qamadii kun ciidha xiqqoodhaan dafee kan qaqqabuu fi hongee kan damdamatu ta’uu eeraniiru.
Jiddu gala qorqnnoo qonnaa Qulumsaatti qorataan sanyii obbo Hayiluu Mangistuu akka ibsanitti, jiddu galeessi kun sanyiiwwan Qamadii filatamaa Malkaa fi Abbaayi jedhaman qonnaan bulaa biraan gahaa jira.
Sanyiiwwan kun hongee fi dhiibbaa Elniinoo kan damdamatan, dafanii kan gahanii fi heektaara tokkorraa oomisha kuntaala 45 amma 50 kan kennan ta’uu ibsaniiru.