Tamsaasa Kallatti:

Tsimdoon olola sobaa tamsaasuun ummata burjaajessuuf kan yaalu garee bu’ura hin qabnedha

Onkoloolessa 12/2019 (ENA)- Tsimdoon olola sobaa tamsaasuun ummata burjaajessuuf kan yaalu garee bu’ura hin qabne ta’uusaa qabatamaan akan agarsiise ta’uusaa ministirri gorsaa ministira muummee baha Afriikaa Geetaachoo Raddaa ibsan.

Mariin imaammataa kolleejiin ittisaa biyyaalessaa Itiyoophyaa fi inistiitiyuutiin dhimma alaa walii ta’uun mata duree “gamtaa moo gantummaa? Cimdoominni farra Itiyoophiyummaa eessaa garamitti? Jedhuun qopheessan gaggeeffamaa jira.

Ministirri gorsaa ministira muummee baha Afriikaa Geetaachoo Raddaa wayita kana akka jedhanitti, cimdoominni Tsimdoo humna gurmaa’e osoo hin qabaatiin kan hundeeffamee fi olola soda tamsaasuum ummata burjaajessuuf yaalu garee bu’ura hin qabnedha.

Keessumaa seeraan ala kan ta’e ABUT’n hariiroon Faannoo, Shanee fi humnoota biroo waliin taasisu jibbaa fi faayidaalee garagaraa irratti hundaa’uun kan uumame ta’uu ibsaniiru.

Deebiin mootummaa Itiyoophiyaa faayidaalee biyyaalessaa tarsiimawaa kabachiisuu fi miidhaa hin malle hir’isuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015