Godinichatti qonna gannaa fi bonaan lafa heektaara miiliyoona 2.8 misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti qonna gannaa fi bonaan lafa heektaara miiliyoona 2.8 misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jira
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) Godina Giddu Galeessa Oromiyaatti qonna gannaa fi bonaan lafa heektaara miiliyoona 2.8 misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.
Mootummaan naannichaa jiruu fi jireenya ummataa diinagdeen fooyyessuuf inisheetiviiwwan qonnaa wabii nyaataa milkeessuuf oolan garagaraa hojirra oolchuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiru.
ittaanaa Bulchaa fi ittigaafatamaan Daamee Misoomaa Godina Giddu Galeessa Oromiyaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo Mootummaan Paartii badhaadhinaan hogganamuu dinagdee qonnaa ammayyeessuu cinatti inisheetiiviwwan qonnaa jiruuf jireenya uummata fooyyessan hojirra oolchuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiraachuu himaniiru.
Inisheetiviiwwan qonnaa akka godinichaatti hojirra ooluun hojjatamaa jiran kunneenis wabii nyaataa milkeessurra darbuun carraa hojii uumuu fi alergiif oolaa jiraachuu kan himan Obbo Abbaabbuun yeroo ammaas aanaalee godinichaatti oomishni qonna gannaan misoomaa ture makaanaayzeshiniitti fayyadamuun sassaabamaa jiraachuus eeraniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Masfin Tashoomaa akka godinichaatti oomishaafi oomishtummaa dabaluuf hojii hojjatamaa jiruun bara kana qonna gannaa fi bonaan lafti heektaara miiliyoona 2.8 midhaan akaakuu garagaraan uwwifamee misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru
Aanaa Booraa fi Dugdaatti qamadiin qonna gannaan kilaasteran misoomaa ture makaanaayzeshiniitti gargaaramuun bakka hoggansi godinaafi aanaalee argamanitti sassaabbiin eegalameera.
Koomunikeeshinii Godina gidduu gaaleessaa irraa