Ayyaanni Sabaafi Sablammootaa naannoo Oromiyaatti qophaa'u ,guddummaan Itiyoophiyaa kan keessatti calaqqisuu jedhanAfa-yaa'ii Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Sabaafi Sablammootaa naannoo Oromiyaatti qophaa'u ,guddummaan Itiyoophiyaa kan keessatti calaqqisuu jedhanAfa-yaa'ii Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) Ayyaanni Sabaafi Sab-lammootaa naannoo Oromiyaatti qophaa'u ,guddummaan Itiyoophiyaa kan keessatti calaqqisuu jechuun ,Afa-yaa'iin Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo ibsaniiru.
Ayyaana Sabaafi Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa Marsaa 21ffaa Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Jimmaatti kabajamuuf qophaa'aa jiru Afa- yaa'iiwwan naannoolee fi Ittiaanaa Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leedaamoon daawwatame.
Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaan Godina Kibba Lixaa Oromiyaa, Doktar Rashaad Kamaal fi Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamaar hojiiwwan Ayyaana sabaa fi Sablammootaa simachuuf hojjetamaa jiru daawwachiisaniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaan Godina Kibba Lixaa Oromiyaa, Doktar Rashaad Kamaal, Ayyaana sabaa fi Sablammootaa marsaa 21ffaa milkeessuuf hojiin gaggaariin hojjetamaa jiraa jedhaniiru.
Afa-yaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam WaariyooAyyaanni Sabaa fi Sablammootaa naannoo Oromiyaatti qophaa'u ,guddummaan Itiyoophiyaa kan keessatti calaqqisuu jedhan.
Ittiaanaa Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leedaamoon, Ayyaanni sabaa fi Sablammoota bara kana kabajamu yeroo Itoophiyaan injifannoo gama hundaan itti gonfachaa jirtuu jedhan.
Qophiin dursaa Ayyaana sabaafi Sablammootaa kabajuuf hojjetamaa jirus gaarii ta'uu ibsan.