Itiyoophiyaan sirna nyaataa itti fufiinsa qabuu fi fayya qabeessa ta’e ijaaruudhaan bu’aa qabatamaa galmeessiteetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan sirna nyaataa itti fufiinsa qabuu fi fayya qabeessa ta’e ijaaruudhaan bu’aa qabatamaa galmeessiteetti
Onkololessa 12/2019 (ENA): Itiyoophiyaan sirna qonnaa itti fufiinsa qabu kan nyaata gatii madaalawaa fi fayya qabeessa ta’e dhiyeessuu, carraa hojii uumuu fi qabeenya uumamaa eegu ijaaruuf ciminaan hojjechaa jirti jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafiroo Nugusee.
Guyyaan Nyaata Addunyaa bara 2026 mata duree “Har’a haa kalaqnu;Boru haa nyaachisnu” jedhuun Ministeera Qonnaa, Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) fi Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP)tiin magaalaa Finfinneetti kabajameera.
Hoggantoonni mootummaa, miseensonni hawaasa dippilomaasii, michoota misoomaa, qorattoonni, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoonni akkasumas dargaggoonnii fi kalaqxoonni qonnaa saganticha irratti hirmaataniiru.
Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dr.Maandafiroo Nugusee dameen kun dinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan.
Itiyoophiyaan damee qonnaatiin dabarsa teeknooloojii fi kalaqa saffisiisuuf ciminaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Jallisii babal’isuu fi makaanaayizeeshinii qonnaa saffisiisuu irratti haaromsa imaammata, sagantaa fi qophii dhaabbilee irratti xiyyeeffachuu ibsaniiru.
Sirna gabaa fooyyessuu fi diinagdee baadiyyaa itti fufiinsa qabu ijaaruu irrattis hojii guddaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni beekumsa mandhalee isaanii walitti makuun gochaalee haala qilleensaa mijatoo ta’an hojiirra oolchuu isaanii hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaatti Gargaaraan Bakka Bu’aa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) Doktar Warqachoo Jaateenoo mootummaan Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu, diinagdee guddisuu fi hiyyummaa hir’isuuf tattaaffii qabatamaa taasisaa jiru galateeffataniiru. Dhaabbanni isaanii walta’iinsa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuun Bu’uura Sagantaa Biyyaa bara 2030 guutummaatti hojiirra akka oolchu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Zilaataan Milisik, Itoophiyaan dargaggoota, qabeenya uumamaa fi beekumsa biyya keessaa fayyadamtee sirna nyaataa ishee jijjiiruuf carraaqqii milkaa’aa taasifte galateeffataniiru.
Tarsiimoofi imaammattoonni biyyaalessaa gama kanaan mootummaan fudhate bu’uura cimaa akka kaa’an hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan jallisii babal’isuu, teeknooloojiiwwan dijitaalaa hojiirra oolchuu fi damichaa caalaatti dhaqqabamaa taasisuurratti hoggansa qabdu itti fufsiisuuf deeggarsa qindoominaa fi tumsi barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links