Mariin biyyaalessaa Mootummaa fi uummata gidduutti sirna siyaasaa haaraa diriirsuuf bu'uura gaarii kaa'eera - Pirofeesar Masfin Ar'aayaa - ENA Afaan Oromoo
Mariin biyyaalessaa Mootummaa fi uummata gidduutti sirna siyaasaa haaraa diriirsuuf bu'uura gaarii kaa'eera - Pirofeesar Masfin Ar'aayaa
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) Mariin biyyaalessaa mootummaa fi uummata gidduutti sirna siyaasaa haaraa diriirsuuf kan dandeessisu bu'uura kan kaa'e ta'uu Komishineerri Ol'aanaan Koomishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeeseer Masfin Ar'aayaa ibsan.
Koomishinichi xumura bara hojii isaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.
Komishineerri Ol'aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeeser Masfin Ar'aayaa wayita sana akka jedhanitti, komishinichi kaayyoolee gurguddoo hundeefameef galmaan gahuudhaan itti gaafatamummaa hojii isaaf kenname milkaa’inaan xumureera.
Komishinichi fedhii uummataa bu'uureffachuudhaan adeemsa marii bal'aa gaggeessaa turuusaa duubataniiru.
Adeemsichis amanamummaa kan qabu, hirmaachisaa fi qajeeltoowwan hammattoo eegee kan gaggeeffame ta’uu isaa fi ergama itti kenname ga’umsaan bahachuu isaa addeessaniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa hirmaattota kuma4 hirmaachise gaggeessuun yaada furmaataa walitti qabaman 394 ifaoomsuusaa ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa qajeeltoowwan amanamummaa, hirmaachisummaa fi hammattoomaa hordofuun gaggeeffamuu kan eeran Koomishineerri Ol'aanyaan, garaagarummaa irratti mari'achuu eegaluun bu'aa guddaa ta'uu isaa dubbataniiru.
Marii biyyaalessaa kanaan ijaarsa biyyaa fi guddina sirna diimokraasiitiif bu'uura kan ta'an yaadota furmaataa dhiyaachuu isaanii ibsaniiru.
Adeemsichi mootummaa fi uummata gidduutti sirna siyaasaa haaraa diriirsuuf bu'uura kan kaa'e ta'uu isaas dubbataniiru.
Milkaa'ina marii kanaatiif qaamolee qooda fudhattootaa gumaacha taasisan hundaa galateeffachuudhaan, ji'oota muraasa keessattis hojiin yaadota furmaataa mala dijitaalaatiin ragaatiin galmeessuu fi dabarsanii kennuu kan raawwatamu ta'uu beeksisaniiru.