Tamsaasa Kallatti:

Shoorri tarsiimawaa fi dhiibbaan Itiyoophiyaan gaanfa Afriikaatti qabdu gubddachaa jira-Doktar Abdulwaasaa Abdullaahii

Onkoloolessa 12/2019 (ENA)- Shoorri tarsiimawaa fi dhiibbaan Itiyoophiyaan gaanfa Afriikaatti qabdu gubddachaa dhufuusaa daarektarri olaanaa inistiitiyuutii dhimma alaa Itiyoophiyaa doktar Abdulwaasaa Abdullaahii ibsan.

Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa

Mariin imaammataa kolleejiin ittisaa biyyaalessaa Itiyoophyaa fi inistiitiyuutiin dhimma alaa walii ta’uun mata duree “gamtaa moo gantummaa? Cimdoominni farra Itiyoophiyummaa eessaa garamitti? Jedhuun qopheessan gaggeeffamaa jira.

Daarektarri olaanaa dhimma alaa Itiyoophiyaa Dr. Abdulwaasaa Abdullaahii wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan shoora tarsiimawaa naannichatti qabdu cimsachaa akka jirtu kaasaniiru.

Kana itti fufsiisuuf tokkummaa biyya keessaa faayidaa waloon, wal kabajaa fi mul’ata biyyaalessaa fulla’aa irratti hundeessuun akka barbaahisu hubachiisaniiru.

Garaagarummaa biyya keessaa karaa nagaa, siyaasaa fi demokiraatawaa furuun akka barbaachisu eeraniiru.

Rakkoolee biyya keessaa furuuf humnoota alaan ykn waraana bakka bu’ummaa irratti hirkachuun faayidaa biyyaa akka hin eegsifne ibsaniiru.

Itiyoophiyaan fayidaashee hulaa galaanaa eegsisuuf biyyoota ollaa waliin qajeeltoo mariin, walii galtee fi fayyadama waloo irratti hundaa’uun hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Hojiiwwan ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa fi qonnaan, bu’ura misoomaan, misooma magaalaa fi dameelee teeknooloojiin hojjetaman bu’aalee tattaaffii biyyaalessaa waloo ta’uusaanii ibsaniiru.

Bu’aalee kana itti fufsiisuun dandeettii tarsiimawaa biyyattiif murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Hogganaan biiroo inispeektar jeneraalii ittisaa Letenaal Jeneraal Dassaalanyi Tashoomaa gamasaaniin, waltajjichi itti fufiinsa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa, birmadummaa, shoora naannichaa fi itti fufiinsa tarsiimawaa biyyattii ilaalchisee marii imaammataa taasisuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru.

Dandeettii Itiyoophiyaan gama tarsiimawaa, ji’oo siyaasaa fidinagdeen qabdu cimsuu fi dhiibbaa naannicharratti qabdu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Biyyattii gufuuwwan seenaa keessaa fi dhiibbaawwan ji’oo siyaasaa alaan wal qabatanii ka’an ilaalcha tarsiimawaan qolachuun akka barbaachisu eeraniiru.

Keessumaa Itiyoophiyaan galaana diimaa dhabuushee dandeettii tarsiimawaa biyyattii irratti dhiibbaa geessisan gadi fageenyaan qorachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Ajajaan olaanaa kolleejii ittisaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Birgaadiyeer Jeneraal Xilahun Damisee gamasaaniin, baandaawwan biyya keessaa humnoota alaa waliin ta’uun rakkoo uumuuf tattaaffii taasifaman tokkummaa biyyaa fi tasgabbii naannichaaf balaa akka danqan eeraniiru.

Ijaarsa mootummaa Itiyoophiyaa fi dandeettii tarsiimawaa cimsuuf wal kabaja waloo fi furmaattota fulla’aa barbaaduun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Haalonni ji’oo siyaasaa naannawaa, deebii tarsiimawaa Itiyoophiyaa, muddama Itiyoo-Ertiraa fi haala nageenyaa ilaallatan irratti mariin akka barbaachisu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015