Humna Addaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa: Gaachana Birmadummaa fi Utubaa Biyyaa - ENA Afaan Oromoo
Humna Addaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa: Gaachana Birmadummaa fi Utubaa Biyyaa
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa seenaa dheeraa fi boonsaa birmadummaa biyyaa eegsisuu keessatti qaba. Seenaa fi Gootummaa kana keessatti immoo, Gareen Humna Addaa gahee addaa fi murteessaa ta’e taphata.
Humni addaa kun humna waraanaa idilee irraa adda ta’ee leenjii ol'aanaa, qophii sammuu fi qaamaa cimaa, akkasumas meeshaalee fi tooftaalee ammayyaatiin kan guutamedha. Haala rakkisaa fi ulfaataa ta’e keessatti ergama sodaachisaa ta'e kamiyyuu galmaan geessisuuf kan leenjifaman miseensonni humna kanaa, eegumsa biyyaa fi nageenya ummataatiif akka gaachanaafi abdii biyyaatti ilaalamu.
Humni Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kaayyoo sodaawwan ammayyaa fi aggaammiiwwan birmadummaa biyyaa irratti aadaa deebii ariifachiisaa fi bu'a qabeessa ta’e kennuuf ijaaramedha. Seenaa keessatti, teessuma lafaa Itoophiyaa isa gaarreen dhedheeroo, bosonaa fi gammoojjota ho'a garmalee qaban irratti leenjiin isaanii kan hundaa'e dha. Waraana idileetiin ala, lola shororkeessummaa ittisuu fi ergamoota eegumsa ol'aanaa barbaadan irratti qophaawuudhaan seenaa injifannoo boonsaa galmeessaa dhufaniiru.
Jabinnii fi gahumsi Humna Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa leenjii haalawwan garmalee ulfaatoo ta'an keessatti kennamuufi miira addaa jaalala biyyaa irraa madda. Miseensonni humna addaa leenjii dandamannaa qaamaa fi sammuu dandeettii isaanii isa dhumaa fudhatu. Haala rakkisaa keessatti socho'anii ergama galmaan gahuu danda'u.
Lola magaalaa keessaa, lola gaarreenii fi bosonaa, akkasumas lola shororkeessummaa ittisuu irratti dandeettii ol'aanaa fi saffisa addaa qabu. Meeshaalee leensii halkan keessa agarsiisuu dandeessisan, meeshaalee sab-quunnamtii dhoksaa,meeshaalee ammayyaa fi meeshaalee xiyyeeffannoo ol'aanaa qabanitti fayyadamanii diina irratti tasa tarkaanfii fudhachuuf gahumsa olaanaa qabu.
Gootummaan humna kanaa waan dubbatamu qofa osoo hin taane, taateewwan seenaa keessatti aarsaa kaffalaniin kan mirkanaa'e dha. Lola sodaachisaa fi iddoo waraanni idilee salphatti seenuu hin dandeenyetti, miseensonni humna addaa kutannoo fi sodaa tokko malee dura hiriiruun humnoota biyya diiguuf socho’an irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhatu.
Murannoon isaanii fi amanamummaan isaan qaban, diina saaxiluu fi daangaa biyyaa eeguu keessatti gootummaa seenaan yaadatu isaan gonfachiiseera. Gaachana biyyaafi ummataa ta’uun saba ofii tiksu. Yeroo hedduu biyya baraaraniiru ammas baraaraa jiru.
Injifannoon Humna Addaa Itoophiyaa daangaa biyyaa qofa irratti kan daangeffame miti.
Lola Shororkeessummaa Baha Afrikaa Ittisuu fi Qolachuu Keessatti, keessattuu duula al-Shabaab irratti taasifame keessatti gahee murteessaa taphatanii nageenya Baha Afrikaatiif gumaacha olaanaa taasisaniiru.
Ergama Nagaa Eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa jalatti(UN & AU) Biyyoota akka Somaaliyaa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa keessatti ergama Gamtaa Afrikaa (AU) fi Mootummoota Gamtoomanii (UN) jalatti nagaa eegsisuudhaan addunyaa irratti maqaa fi kabaja guddaa Itoophiyaaf gonfachiisuu danda'aniiru.
Walumaagalatti, Gareen Humna Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Utubaa Gootummaa, Gaachana Birmadummaa fi kabaja Biyyaati. Leenjii cimaa, teeknoolojii fi tooftaalee ammayyaatti fayyadamanii ergama isaaniif kennamu kamuu amanamummaa fi gahumsaa ol'aanaadhaan galmaan gahu. Gootummaa fi aarsaa isaan kaffalanis seenaa Raayyaa Ittisaa Biyyattii keessatti bakka olaanaa fi kabaja guddaa qabaata.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links