Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Amaaraa magaalota garagaraa keessatti hiriirri raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeeffamaa jira

Onkoloolessa 12/2019 (ENA)- Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa, Walloo Lixaa fi Goojjam Bahaa magaalota garagaraa keessatti hiriirri raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeeffamaa jira.

Hiriirri deeggarsaa ummataa kun barii irraa eegalee magaaloota Dabra Biraan, Kombolchaa, Dabra Maarqoos, Kamisee fi magaaloota biroo keessatti gaggeeffamaa jira.

Namoonni hiriira bahan dhaadannoowwan gootummaa fi uummatummaa raayyaa akkasumas gaachana biyyaa ta’uusaa agarsiisan, faayidaa biyyaalessaa biyyaa fi keessumaa ergaawwan gaaffii abbummaa hulaa galaanaa agarsiisan dhageessisaa jiru.

Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dubartoonnii fi dargaggoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa biroon hiriira kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015