Tamsaasa Kallatti:

Foramiin Xaanaa waltajjii yaadamaa dhimmi Afriikaa Afriikaanotaan irratti ibsamu dha

Onkoloolessa 11/2019 (ENA )-Foramiin Xaanaa waltajjii yaadamaa dhimmi Afriikaa Afriikaanotaan irratti ibsamu ta’uu dubbii himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan.

Biyya guddoo. Ummata guddaa, mul’ata guddaa

Guddina dinagdee Afriikaa jiddu galeessa godhachuum nageenyaa fi tasgabbii Afriikaarratti kan mari’atu Foramiin Xaanaa waggoota 15’f milkaa’inaan gaggeeffameera.

Foramiin Xaanaa 12ffaa baranaa mata duree daandiiwwan Afriikaa gara nagaatti geessan, birmadummaa dinagdee fi cehumsa siyaasa naannoo” jedhuun jimaata dhufu magaalaa Bahaar Daaritti ni eegalama.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ENA’f akka himanitti, waltajjiiwwan nagaa fi tasgabbii addunyaarratti atgaman naannawasaaniif ykn ajandaa siyaasaasaaniif dhimmoota dhihoo ta’anirratti ni mari’atu.

Fooramii Xaanaa kan adda taasisu waltajjii dhimmoonni Afriikaa Afriikaanotaan irratti mari’ataman ta’uusaati jedhaniiru.

Foramichi hoggantoonni biyyootaa yaadasaanii bilisa ta’anii kan itti ibsatanii fi dhimmoota nagaa fi tasgabbii Adriikaarratti yaada ittiin wal jijjiiran ta’uu ibsaniiru.

Caaseffamni waltajjii Foramii Xaanaa muuxannoo mandhalee Afriikaanotaa “ Marii gaaddisa muka jalaa” jedhamurraa kan fudhatame ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa dabaalatee biyyoota Afriikaa birootti hawaasni walitti bu’iinsaa fi wal dhabdee kan ittiin furu mariileen gaaddisa muka jalaa akka qabu ibsanii, Foramiin Xaanaa guduunfaa ”rakkoolee Afriikaaf furmaata Afriikaa” jedhu qaba jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015