Buufata Xiyyaaraa Mattuu Goree - ENA Afaan Oromoo
Buufata Xiyyaaraa Mattuu Goree
Tajaajila si'ataaf ammayyaa keessatti tajaajilli buufata xiyyaaraa isa hangafa
Tajaajilli geejibaa si'ataaf ammaya'aan sochii hawaas diinagdee uummataa guddisuu keessatti gumaacha guddaa qaba. Keessumaa ammoo magaalota giddugala biyyaa irraa fageenyarratti argamaniif qisaasama yeroo hedduu hambisa.
Mootummaan oomishtummaaf guddina diinagdee akkuma guddisaa adeemuun jiruuf jireenyi uummataa akkasumas dhaqqabummaan misoomawwan bu'uuraa kanneen sochii investimentii hawaasdiigdee uummataa jabeessan bal'inaan ijaaraa jira.
Haaluma kanaan Godina Kibba Lixa Oromiyaatti Buufata xiyyaaraa Mattuu Goree baasii birrii biliyoona 3 tahuun ijaarsisaa jira.Ijaarsi buufata xiyyaarichaa yeroo ammaatti sadarkaa xumuraa irra gahuun tajaajilaaf qopha'aa jira.
Buufatni kun wayita hojii eegalu tajaajila geejibaa kallattiin hawaasaaf kennuun alatti pirojektoota investimentii harkisuu fi carraa hojii uumuu keessattillee gumaacha guddaa qabaata.
Hoggantootni Olaanoon Godina Kibba lixa Oromiyaas buufata xiyyaaraa Mattuu-Goree ijaarsi isaa sadarkaa xumuraa irra gahaa jiru kana daawwataniiru. Ijaarsichi yeroof qulqullinaan xumuramee tajaajila balaallii akka eegaluuf deeggarsi barbaachisaan kan taasifamu tahus ibsameera.
Koomunikeeshinii Godina Kibba Lixa Oromiyaarraa