Tamsaasa Kallatti:

Karoorri Of-danda'uu utubaalee gurguddoo qaamoleen mootummaa xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qaban kan of keessatti qabatedha - Afa-yaa’ii Abdusalaam Waariyoo

Onkoloolessa 11/2019 (ENA) Karoorri Of-danda'uu utubaalee gurguddoo qaamoleen mootummaan xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qaban kan of keessatti qabata’uu Afa-yaa’iin Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo ibsan.

Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo, Caffeen Oromiyaa amaanaa Ummataan itti kenname sadarkaa hundatti akka dhugoomuuf karoora tarsiimaa'aa of danda'uu bahee hojiirra oolaa jiru sirna hordoffii fi to'annoo cimaan dabaalee fayyadamummaa ummataa milkeessuuf xiyyeeffannaa addaa kennee kan hojjetu ta'uu ibsaniiru.


 

Caffeen Oromiyaa, Koreewwan Dhaabbii Caffee haaraa fi Hoggantoota Manneen hojii naannoo gurmaa'insa haaraa hordofuun hojjechaa jiraniif leenjii dandeettii raawwachiisummaa karoora of danda'uu fi milkaa'ina karoora Mootummaaf sirna hordoffii fi to'annoo koreewwan dhaabbiin gaggeeffamuu qabu ilaalchisee leenjiin hubannoo uumuu Adaamaatti kennamaa jira.


 

Leenjii qophaa'e kanas, Karoora Of-danda'uu waggaa Shanii Hogganaan Biiroo Karoora fi Misoomaa Oromiyaa Dr. Abdii Yuuyyaa fi Waajjira Caffee Oromiyaatti Gorsaan dhimma seeraa Obbo Dhaabaa Dirribaa milkaa'ina karoorichaaf sirna hordoffii fi to'annoo qindoomina qabuu fi bu'aa qabeessa ta'e gaggeessuu mata duree jedhu irratti leenjiin kennamaa jira.

Leenjiin kennamu kuuis gahumsa koreewwanii dabaluun dandeettii hordoffii deeggarsaa taasisan xiyyeeffannoon akka raawwatan kan taasisu ta’uun ibsameera. Madda Caffee Oromiyaarraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015