Godinichatti oomisha dammaa dachaan guddisuuf gaagurri ammayyaa kuma 900 caalu raabsamuufi - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti oomisha dammaa dachaan guddisuuf gaagurri ammayyaa kuma 900 caalu raabsamuufi
Onkolooolessa 11/2019 (ENA)-Bara kana godina kibba lixa Oromiyaatti galmoota baadiyyaa milkeessuuf horsiisa kanniisaa babal’isuu fi oomisha dammaa dachaan dabaluuf gaagura ammayyaa kuma 900 caalu qonnaan bulaa fi waldaaleef raabsuuf hojiin eegalamuu itti aanaan bulchaa fi itti gaafatamaan damee misoomaa godinichaa obbo Indaalkaachoo Tafarii ibsan.
Waggoottan shanan darban godinichatti gaagura ammayyaa miil. tokko qonnaan bultootaa fi qaamolee waldaan gurmaa’anii damicharratti bobba’aniif kennamuusaa itti aanaan bulchaa kun dubbataniiru.
Waggoottan kanneen keessatti damma toonii kuma sagaltama caalu argamuu kaasanii, bara kana dhiheessii gaagura ammayyaa dachaan dabaluun oomishtummaa guddisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Kanaan wal qabatee godinicha aanaa Alleetti dargaggoota waldaan gurmaa’niif gaagurri ammayyaa kan kenname yoo ta’u cimanii hojjetanii jireenyasaanii jijjiiruuf akka tattaafatan dubbataniiru.
Dargaggoo Asaffaa Wandimmuu isaan keessaa tokko yoo ta’u, damee Kanaan cimee hojjechuun jireenyasaa jijjiiruuf akka hojjetu dubbateera.
Gaagura ammayyaa argatan kana ka’umsa godhatanii babal’isanii hojjechuun iddoo guddaa gahuuf akeekkachuusaanii dargaggoo Sayid Idriis dubbateera.
Dargaggoo Toofiiq Ahimaddiin baatii saddet dura gaagura ammayyaa 120’n kanniisa horsiisuu eegaluusaa kaasee, dhiheessii gaaguraa mootummaan taasiseef kanatti gargaaramuun bara kana damma kg. 500 argachuuf karoorsuusaa dubbateera,
Fuulduras hojii kanarratti hirmaachuun sadarkaa invastimantiitti guddisuuf kaayyoo akka qabu dubbateera.