Tamsaasa Kallatti:

Humna Qilleensaa Itoophiyaa—Gaachana Samiirraa

Humni qilleensaa Itoophiyaa baroota darban keessaa imala tarsiimowaa keessaa ture.  Imalli jijjiiramaa waliigalaa kun, kallattiin ijaarsa dhaabbilee fi riifoormii mootummaa idaa’amuu qabatamaan  firii argachaa akka jiru ifatti kan agarsiisuudha.

Jijjiiramni kun dhaabbaticha hojii suphaa fi fooyyessuu sadarkaa duraa keessaa baasuun, gara sadarkaa ammayyaa, amansiisaa fi dandeettii tarsiimawaa qabutti ceesiseera.

Haaromsichi hojmaata ammayyaa teeknoolojiin deeggarame, misooma humna namaa fi gurmaa'insa dhaabbilee irratti kan xiyyeeffateedha.

Invastimantii guddaa teeknoolojiiwwan ittisa ammayyaa irratti taasifameen dandeettiin birmadummaa naannoo qilleensaa biyyattii eeguu ijaaramee jira.

Xiyyaaroota waraanaa fi sakatta'insaa samii irratti bobbaasuudhaan dandeettii hordoffii tarsiimawaa fi rukuttaa sirrii ta’e ol guddiseera.

Dhaabbatichi raadara ammayyaa fi teeknoolojiiwwan dursanii akeekkachiisan fayyadamuu danda’uun, naannoo qilleensaa Itoophiyaa sa'aatii 24 guutuu  hordofuu danda'eera. kanaanis nageenya biyyaalessaa amanamaa ta’e mirkaneessee jira.

Hojii suphaa aviyeeshinii kanaan dura biyyoota alaa irratti hundaa'ee ture gara biyya keessaatti jijjiiruudhaan, injiineroota biyya keessaatiin xiyyaaroota fi Helekoopteroota haaromsuu, dandeettii waraana isaanii ol guddisuu fi sadarkaa isaanii fooyyessuu irratti milkaa'inni  guddaan  galmaa’eera.

Imalli haaromsaa fi guddina Humni Qilleensaa Itoophiyaa argamsiise  kun bu'aa imaammata tarsiimawaa sirrii fi xiyyeeffannoo mootummaan idaa’amu dhaabbilee nageenyaa irratti  taasiseeti.

Birmadummaa samii biyyattii sa'aatii 24 eeguu irraa jalqabee hanga dandeettii suphaa aviyeeshinii biyya keessatti guddisuutti milkaa'inni argame, Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi Ardii Afrikaa keessatti dandeettii waraana qilleensaa guutuu fi ammayyaa'aa ta'e ijaarrachuu ishee mirkaneessa.

Humniqilleensaa Itoophiyaa wayita hundeeffamasaa wagga 90ffaa  kabaje  sagantaa adda addaa fi agarsiisa xiyyaarota waraanaan wayita  kabajju   qondaalonni waraanaa adda addaa  guddina  damee  kanaan   milkaa'ina  guddaa galmeessisuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Agarsiisa humna qilleensaa maqaa ''Samii leencota gurraachaa (Black Lion Air Show 2026)'' jedhuun Bishooftuutti gaggeeffamee irratti mul'atan kanarratti Ministirri Muummee  Dr.Abiyyi Ahimad ergaa dabarsaniin Waggoota 90 darban keessatti humni qilleensaa kun birmadummaa Itoophiyaa eegsisuuf cichoomina guddaa akka agarsiisee fi Kanaanis humnoota Itoophiyaa haleeluuf yaalan hedduu salphiseera jechuun  shoora birmadummaa  biyyaa kabachiisuu keessatti taphachaa ture ibsuun isaani ni yaadatama.

Saganticharratti agarsiisni taasifame  kun  humni qilleensaa Itoophiyaa gama leenjii loltummaa, sirna xiyyaarota nama maleeyyii fi hariiroo humna waraanaa sadarkaa addunyaatti uummachuutiin guddina agarsiisuu kan  mul'isu ta’uun hubatameera.

Itoophiyaan  dandeettii humna waraanaa ishee guddifachuun  sadarkaa  addunyaatti biyya humna waraanaa  cimaa qaban cinaa  hiriiruu  dandeessetti.Humni qilleensa kun   birmadummaa biyya kabachiisuun  maqaa gaarii   biyyaa olkaasee mul’isaa jira.

Har’as humni qilleensa Itoophiyaa gaachana samii irraa ta’uudhan diinota keessaaf alaa  irratti tarkaanfi fudhacha jira.  Kanaanis birmadummaan Itoophiya lafarraatti qofa osoo hin taane samii irraattis akka eegamu godhee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015