Birmadummaan Afrikaa lammiilee kabaja isaanii dabrsaanii hin kennineen kan argameedha – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Birmadummaan Afrikaa lammiilee kabaja isaanii dabrsaanii hin kennineen kan argameedha – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Onkoloolessa 11/2019 (ENA) Birmadummaan Afrikaa kennaadhaan kan argame osoo hin ta'iin, lammiilee kabaja isaanii dabrsaanii hin kennineen kan argame ta'uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ayyaana biyyaalessaa guyyaa Goototaa (guyyaa Mashujaa ) Keeniyaa,Eldooreetti kabajame irratti argamuun ergaa dabarsaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi ergaa isaanii kanaan, gootota Keeniyaa birmadummaa biyya isaaniitiif qabsaa'aniifii ol'aantummaa biyya isaanii eegsiisuuf aarsaa guddaa kaffalaniif kabaja guddaa qaban ibsaniiru.
Onkoloolessa 1952tti Abbaan taayitaawwan sirna kolonii Joomoo Keeniyaattaa fi hoggantoota isaanii shan turan hidhuu isaanii kan yaadachiisan ministirri Muummee; hidhamuun isaanii qabsoo sana babal’isuuf sababa guddaa ta’uun , Keeniyaanonni lakkoofsaan hedduu ta’an qabsootti dabalamanii qabsoo sana itti fufsiisaniiru jedhan.
Itoophiyaanonni Waraana Adwaa irratti kallattii biyyattii hundarraa dhufuunii fi tokkummaan dhaabbachuun birmadummaa biyya isaanii eegsiisuu danda'uu isaaniis yaadachiisaniiru.
Birmadummaan Afriikaa kennaadhaan kan argame miti, Lammiilee kabaja isaanii dabarsanii hin kennineen kan argamedha jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad.
Birmadummaan kun imaanan kan kenname, dhaloota egereetti kan dabarfamee kennnamu, akkasumas tokko tokkoo lammiileef akka carraa uumu taasisuun kennuufii qabna jedhaniiru.
Kanaanis Gootonni Keeniyaa Barsiisota, Narsoota, Artistootaa ,Atileetotaa fi lammilee hojii uuman ni dabalata jechuun ibsaniiru.
Atileetoonni Itoophiyaa fi Keeniyaa wal cinaa fiigu kan jedhan Ministirri Muummee; yeroo tokko tokko Keeniyaa, yeroo tokko tokko immoo Itoophiyaan yoo injifatanis, Afrikaan tokkummaan maal galmaan gahuu akka dandeessu waliin addunyaaf agarsiisaniiru jedhan.
Kanaanis akka dorgoomaatti dorgoomaa, akka deggaraatti akka wal hubatan ibsuun, Itoophiyaan miira kana ‘Ida’amuu’ jenneen waamna jedhan.
Ida’amuun kaayyoo tokkoof humna keenya kan gurmeessinu tokkummaa jechuudha kan jedhan ministirri Muummee; kunis pirojektiin humna elektirikiitiin Itoophiyaa fi Keeniyaa walitti hidhe agarsiistuudha jedhaniiru.
A.L.A. bara 2022 asitti Itoophiyaan Keeniyaaf Aannisaa qulqulluu dhiyeessaa kan jirtu ta'uu ibsuun; kunis manneeniif ibsaa, industiriitiif immoo humna kenneera jedhan.
Tumsi kun damee daldalaatiinis guddachaa kan dhufe ta'uu ibsuun, Safarikoom Itoophiyaa keessatti tajaajila kennuu eegaluu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Itoophiyaa fi Keeniyaa teessuma lafaatiin ollaa, seenaadhaan immoo obbolaa nutaasiseera kan jedhan Ministirri Muummee; filannoowwan keenya badhaadhina dhugoomsuu kan dandeessisan ta'uu qabu jedhaniiru.
Yeroo ammaa kana qonnaan bultoonnii fi oomishtonni biyyoota lamaanii daangaa irratti bittaa fi gurgurtaa salphaatti raawwachuu akka danda'an ibsuun, ummattoota gidduutti wal-beekumsi aadaa taasifamuu qaba jedhaniiru.