Tamsaasa Kallatti:

Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf hirmannaa fi deeggarsi qoodafudhattootaa murteessaadha

Onkoloolessa 11/2019 (ENA) Hoijiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran milkaa'ina akka argatanii fi itti fufinsa akka qabaataniif hirmaannaanii fi deeggarsi qooda fudhattoota hundaa murteessaa ta'uun ibsame.

Godina Lixa oromiyaa Aanaa Laaloo Assaabiitti dhalataa Aanichaa kan ta’an Obbo Iskindir Abarraa dhaabbilee barnootaa naannichatti argamaniif deeggarsa meeshaalee adda addaa birrii miliyoona kudhan ta’u taasisaniiru.

Deeggarsi taasifames meeshaa ijaarsaa suphaa mana barnootaaf ooluu fi kompiitaroota 50 meeshaa guutuu waliin taasisaniiru.


 

Sirna wal harakaa fuudhinsa deeggarsa kana irratti kan argaman Bulchaan Aanaa Laaloo Assaabii Obbo Fiqruu Mulaatuu akka jedhanitti; hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf mootummaadhaan hojjetaman teeknoloojiidhaan akka deggeramaniif tumsi qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Cabinsa gama barnootaan mul'atan sirreessuuf tarkaanfiileen mootummaadhaan fudhataman jijjiirama gaarii fiduusaanii ibsuun; tattaaffiiwwan eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif xiyyeeffannoodhaan ni hojjenna jedhaniiru.

Aanichatti hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran milkaa'ina akka argataniifii itti fufinsa akka qabaataniif hirmaannaan fi deeggarsi qaamolee hundaas murteessaa ta'uus Obbo Fiqruun dubbataniiru.

Deeggarsa meeshaa barnootaa har'a taasifame irraa barnoota fudhachuun akka barbaachisu kan eeran Obbo Fiqruu; lammiin deeggarsa dandeettii isaatiin uummata isaatiif gochuudhaan gahee isaasaa akka ba'atu waamicha dhiyeessaniiru.


 

Deeggarsa kan taasisan Obbo Iskindir Abarraa gama isaaniitiin; hojiileen misoomaa fi jijjiirama biyyaalessaa galma isaanii akka dhaqqabaniif lammiin deeggarsa dandeettii isaatiin gargaarsaa gochuu qaba jedhaniiru.

Qulqullina barnootaa irratti hanqinaalee mul'atan sirreessuuf tattaaffii taasifamu keessatti deeggarsi qooda-fudhattoota hundaas barbaachisaa ta'uu Obbo Iskindir ibsuun; deeggarsa taasisaniinis gammadoo ta'uu isaanii dubbataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015