Tamsaasa Kallatti:

Qonnaan bultoonni Aanaa Walmaraa lafa dhangaggaa'ummaan miidhamee wal’aanuun misoomsaa jiru

Onkoloolessa 11/2019 (ENA) Godina Giddugala Oromiyaa Aanaa walmaraatti Qonnaan bultoonni Aanaa Walmaraa lafa dhangaggaa'ummaa biyyeen miidhamee tajaajilaan ala ture Nooraan yaaluun garbuu irratti misoomsanirraa fayyadamoo ta'uuf hojjechaa jiraachuu himan.

Qonaan bultoonni aanichaa lafa dhangaggaa'ummaa biyyeen miidhamee tajaajilaan ta’e nooraan wal’aanuun garbuu irratti misoomsaniiru.

Yeroo ammaa kana omishin midhaanii kunis haala gaarii irratti kan argamu ta’uu ibsaniiru.


Itti Aanaa Buulchaa fi itti gaafatamaa damee misoomaa Godina Goddugaleessa Oromiyaa Obbo Abbbaabbuu Waaqoo Aanaa Walmaraatti kilaastera garbuu qonnaan bultoonni nooraa gargaaramuun misoomsan daawwataniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa lafa dhangaggaa'ummaan miidhame nooraadhaan yaaluun gara oomishaatti galchuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf hojiin hojjechaa jiru qonnaan bultota fayyadamoo taasisaa jira.

Ammas, hojii dhiheessii Nooraarratti xiyyeeffannoo addaan hojjechuun lafa sababa dhangaggaa'ummaa biyyeen oomishaan ala ta'e oomishatti galchuun oomishtummaa biyyee dabaluuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta'uu Obbo Abbaabbuun ibsaniiru.

Qonnaan bultoinni Aanaa Walmaraa Lafa kanaan dura oomisha kennuu dhabuun oomishaan ala ta'ee ture nooraadhaan yaaluun haala gaariin oomisha garbuu misoomsaa jiraanirraa qonnaan bultoota biroof muuxannoo qoodanii jiru.madda BQO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015