Tamsaasa Kallatti:

Fayyadama hawaasa godinichaa caalaa guddisuuf barsiifataa fi aadaawwan hojii fi hojmaataa barataman keessaa bahuun dirqama-Dr. Rashaad Kamaal

Onkoloolessa 10/2019 (ENA) - Fayyadama hawaasa godina kibba lixaa Oromiyaa caalaa guddisuuf barsiifataa fi aadaawwan hojii fi hojmaataa barataman keessaa bahuun barbaachisaa ta’uusaa bulchaan godinichaa Dr. Rashaad Kamaal ibsan.

Akkaataa caaseffama naannoo Oromiyaa haaraatiin hoggantoonni godina kibba lixaa Oromiyaatti ramadaman jiraattotaa magaalaa Mattuu fi aanaalee ollaatiin simatamaniiru.

Caaseffamni haaraan godinaalee naannoo Oromiyaatti taasifame jireenya hawaasaa jijjiiruu fi hiyyummaa jalaa baasuuf kaayyoo ijoo kan godhate ta’uu bulchaan kun dubbataniiru.


Fayyadama hawaasa godinichaa caalaa guddisuuf barsiifataa fi aadaawwan hojii fi hojmaataa barataman keessaa bahuun dirqama jechuun Dr. Rashaad Kamaal cimsanii kaasaniiru.

Misoomni hunda galeessaa fi fyyadamummaan kan mirkanaa’u mootummaa qofaan osoo hin taane hirmaannaa fi kutannoo hundaa kan gaafatu waan ta’eef hirmaannaan hawaasaa cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Hogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Didhaa Guddataa gaaffiin hawaasaagaaffii bu’ura misoomaa, dinagdee fi waliin gahiinsaa fi fayyadamummaa misooma hawaasummaa waan ta’eef kana milkeessuuf itti gaafatama guddaatu nu eega jechuun ibsaniiru.


Hoggantoonni caaseffama haaraatiin itti gaafatamni kennameef fayyadama ummataa fi biyyaa mirkaneessuuf kutannoon guddaan akka eegamu dabalanii ibsaniiru.

Kantiibaan magaalaa Mattuu obbo Tashaalaa Ejersoo gamasaaniin, caaseffamni godinaalee sadarkaa naannootti hojjetame haqummaan misoomaa fi itti fayyadamaa akka mirkanaa’u humna guddaa kan uumudha jechuun ibsaniiru.

Galmi caaseffama haaraatiin yaadame bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo caaluun hojjeta jechuun ibsaniiru.


Caaseffamni godinaalee haaraan fayyadama misoomaa hunda galeessa mirkaneessuuf caalaatti hawasatti karaa dhihaateen ni hojjetama amantaa jedhu akka amanan jiraattonni magaalaa Mattuu yaada kennan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015