Tajaajilli tola ooltummaa daandiirratti kufuurraa nu baraareerra-harka qalleeyyii magaalaa Jimmaa - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli tola ooltummaa daandiirratti kufuurraa nu baraareerra-harka qalleeyyii magaalaa Jimmaa
Onkoloolessa 10/2019(ENA)- Tajaajilli tola ooltummaa daandiirratti kufuurraa nu baraareerra jedhan harka qalleeyyii magaalaa Jimmaa.
Manni barumsaa idileen duraa magaalaa Jimmaatti tajaajila tola ooltummaan ijaarame kan eebbifame yoo ta’u, maneen jireenyaa harka qalleeyyiif ijaaramanis kennamaniiru.
Pirojektoonni kunneen dureeyyii fi jiraattota magaalichaan kan ijaaramanidha.
Mana kan hin qabne adde Arraadee Abbaazinaab manni Kanaan dura keessa jiraatan jigee bokkaa fi aduu kan galchu yoo ta’u yeroo ammaa mana jireenyaa mijataa argataniiru.
Adde Arraadeen yeroo ammaa mana mijataa fi ammayyaa waan argataniif yaaddoo jireenya daandiirraa jalaa bahuusaanii dubbataniiru.
Yeroo dullumaatti mana keessa jiraatan argachuun salphaa fakkaachuu baatullee, Abbaa Tamaam Abbaa Milkii fi Sheeh Kadir Sheeh Mahaammadiif garuu tajaajilli tola ooltummaa balbala abdii baneeraaf.
Lamaansaaniiyyuu bara dullumasaaniitti mana jireenyaa dhabanii rakkoo guddaaf kan saaxlaman yoo ta’u, mana haara itti galfatan argachuusaaniif yaaddoo jala bahuusaanii dubbataniiru.
Manneen tola ooltummaan jiraattotaaf ijaaraman jiraattotaaf dahannoo ta’uurra darbee, duudhaan waloomaa fi walgargaarsaa qabatamaan kan ittiin ibsamu agarsiiftuu ta’aniiru.