Tamsaasa Kallatti:

Callaa fooyya’aa galchuuf cimnee hojjechaa jirra – Qonnaan bultoota

Onkoloolessa 10/2019(ENA) – Qonnaan bultoonni naannawa magaalaa Ambootti argaman yeroo gannaatti sirriitti gargaaramuun oomisha lafasaaniirraa argachuuf malan argachuuf midhaan kunuunsaa akka jiran ibsan.

Sochii dinagdee Itiyoophiyaa keessatti facaasaan gannaa kan ijoo fi oomishni midhaanii olaanaan kan irraa argamudha.

 Keessumaa lafti gabbataa fi qilleensi gaarii naannawa magaalaa Amboo jiru oomisha Qamadii, Garbuu, Xaafii fi Boqqoolloof guddaa mijataadha.

 Yeroo ammaa xiyyeeffannoon ijoon imaammata qonnaa mootummaa baay’ina oomishaa dabaluu, itti fayyadama kompoostii fi Xaa’oo uumamaa babal’isuu akkasumas maloota qonnaa mekaanaayizeeshinii fi kilaastaraa bal’inaan hojiirra oolchuurratti kan xiyyeeffatedha.

Qonnaan bultoonni naannawichaa ENA’n dubbise yaada kennaniin, galteewwan qonnaa yeroo fi gahaan dhihaachuunsaa yeroon akka facaasanii fi midhaan faca’e haala gaariirra akka jiraatu isaan gargaareera.

Isaan keessaa obbo Lalisaa Fufaa akka jedhanitti, lafa hektaara walakkaarratti boqqoolloo kilaastaraan misoomsuusaanii ibsaniiru.

Galtee qonnaa yeroon argatanii waan itti gargaaramanii fi kunuunsa waan taasisaniif midhaansaanii haala gaariirra akka jiruu fi oomisha guddaa akka abdatan dubbataniiru.

Qonnaan bulaan Imaanaa Tashoomaa sanyii filatamaa fi Xaa’oo ga’aa fi yeroon waan argataniif gufuu tokko malee lafasaanii qotachuusaanii ibsaniiru.

Gorsa ogeeyyotarraa argataniin kilaastaraan waliin hojjechuunsaanii oomisha gaarii argachuuf akka isaan gargaare ibsanii, qamadii hektaara tokkorratti misoomsan irraa oomisha ga’aa akka abdatan dubbataniiru.

Dursaan garee waajjira qonnaa magaalaa Amboo obbo Taakkalaa Kumsaa gamasaaniin, yeroo qonnaa bara 2018/19 lafti facaasaaf karoorfame hektaarri kuma 1 fi 889 guutummaatti facaafamuu ibsaniiru.

Kana keessaa hektaarri 60 kilaastaraan misoomuusaa fi walumaa gala kanarraa oomishni kuntaala kuma 339 fi 669 akka abdatamu dubbataniiru.

Qonna gannaa baranaatiin magaalichaa fi naannawasaatti keessumaa Qamadii, Xaafii, fi Boqqoolloo kilaastaraan bal’inaan misoomaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015