Tamsaasa Kallatti:

Rakkinni ummataa haa dhaabbatu jennee karaa nagaa filanneerra - Hidhattoota duraanii filannoo nagaa fudhatan

Onkololessa 10/2019 (ENA):Humnoonni waraanaa hedduun naannoo Amaaraa naannoo adda addaatti socho’aa turan yeroo ammaa waamicha nagaa mootummaan dhiheesse fudhatanii hawaasatti deebi’aa jiru.

Godina Gondar Lixaa aanaa Matammaatti dargaggoota filannoo nagaa fudhatan keessaa Taqabbaa Ayyalee tokkodha. Ofii isaa dabalatee dargaggoonni 75 karaa dogoggoraatiin bosona akka seenan ni yaadata.


Yeroo bosona keessa turanitti ummata rakkisaa, miidhaa fi rakkoo adda addaaf saaxilaa akka turan dubbata.
Haa ta'u malee dogongora darban irraa barachuun imimmaan ummata isaanii qoorsanii nagaa waaraa mirkaneessuuf kutannoodhaan hojjechuuf waadaa galaniiru.

Hidhataa duraanii kan biraan Gaashaw Woldee dhiibbaa namoota dhuunfaa irraan kan ka’e kaayyoo qabsichaa osoo hin hubatiin waggaa sadii bosona keessa turre jechuun haala kanaan gaabbii isaa ibsa.
Daandiin dogoggoraa kun dargaggummaa isaanii fixuu fi osoo misooma, qabeenya maddisiisuu fi nagaa ummata isaanii eeguu irratti bobba’uu qaban ummata nagaa dhowwachuu isaaniitti gaddeera.


Qabsoon bosonaa dheerina rakkoo ummataa ta’uu hubachuun gara nagaa fi misoomaatti deebinee jirra jedhan.
Godina Matammaatti itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaa fi tasgabbii Asmaamaw Abaatee akka jedhanitti, bara bajataa kana keessatti carraaqqii itti fufiinsa qabu qondaaltota, maanguddootaa fi abbootii amantaatiin humnoonni hidhate hedduun hawaasatti makamaniiru.

Itti dabaluunis dargaggoonni hafan gara jireenya nagaatti akka deebi’aniif tattaaffiin taasifamaa akka jiru, dargaggoota deebi’an hojii daldalaa, qonnaa, fi hojii misoomaatiin gurmeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015