Barana godina baha Oromiyaatti damma toonii kuma 6 caalu oomishuuf karoorfameera - ENA Afaan Oromoo
Barana godina baha Oromiyaatti damma toonii kuma 6 caalu oomishuuf karoorfameera
Onkoloolessa 10/2019 (ENA)-Godina baha Oromiyaatti inisheetiivii oomisha dammaa cimsuun barana damma toonii kuma 6 caalu oomishuuf hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Oromiyaan bahaa kanniisa horsiisuuf kan gargaaru lafa mijataa fi biqiltuu uumamaa bal’aa waan qabuuf biyyattiitti bakkeewwan oomisha dammaa fi gagaa guddaa argamsiisan keessaa tokkodha.
Barana godinichatti Damma toonii kuma 6 fi 100 misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u, kunis kan bardheengaddaa toonii kuma 2’n kan caaludha.
Inisheetiiviin oomisha dammaa guddisuuf eegalame raabsii gaagura ammayyaa, dandeettii warra kanniisa horsiisanii guddisuu, hojii kanniisa horsiisuu ammayyeessuu of keessaa qaba.
Waajjira qonnaa godinichaatti qindeessaan misooma dammaa obbo Daanyaachoo Tarrafaa akka jedhanitti, aanaalee godinichaa15 keessatti gaagura ammayyaa kuma 68 fi 505 raabsuuf karoorfamee amma ammaatti gaagurri kuma 10 raabsamuu dubbataniiru.
Kunis kan bardheengaddaa gaagura kuma 10 oliin kan caalu yoo ta’u, inisheetiivichi osoo hi eegalamiin dura waggaatti gaagurri ammayyaa 500 raabsamaa akka ture ibsaniiru.
Inisheetiivii kana deeggaruuf tokkoon tokkoon aanaa bajata birrii miil. 14 ramaduusaa fi kunis raabsii gaaguraaf, warra kanniisa horsiisaniif leenjii fi deeggarsa gochuuf, akkasumas hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaaniif akka oolu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni gaagura kana gatii harkaa qofaan birrii kuma 1 fi 500’n akka argatan mijeeffamuu beeksisaniiru.
Godinichatti qindeessaan misooma dammaa aanaa Dhugoo obbo Asnaaqaa Tashoomaa akka jedhanitti, waggoottan sadan darban gaagurri ammayyaa kuma 6 caalu raabsameera.
Barana raabsii kana dachaan dabaluuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Inisheetiiviin kun raabsii gaagura ammayyaa fi dandeettii warra kanniisa horsiisanii guddisuuf, galii qonnaan bultootaa fooyyessuu fi hojii horsiisa kanniisaa ammayyaa babal’isuuf kan akeekame ta’uu dubbataniiru.