Itiyoophiyaan mirga abbummaa hulaa galaanaa qabaachuun badhaadhina waloo naannoo mirkaneessuuf murteessaadha – Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan mirga abbummaa hulaa galaanaa qabaachuun badhaadhina waloo naannoo mirkaneessuuf murteessaadha – Hayyoota
Onkololeessa 10/2019 (ENA): Itiyoophiyaan mirga hulaa galaanaa qabaachuun badhaadhina waloo naannoo mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa akka qabu hayyoonni ibsaniiru.
Dhimma abbummaa hulaa galaanaa karaa nagaa fi dippilomaasiitiin furuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa abdachiisaa agarsiisaa jira.
Hawaasni addunyaas kaayyoo haqaa Itiyoophiyaaf beekamtii kennuun deeggarsaafi xiyyeeffannoo barbaachisaa ta’e kennaafii jira.
Qorataan damee loojistiksii Tamasgeen Walallinyi (PhD) turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, hulaan galaanaa daldala, geejjibaa oomishaa fi walitti hidhamiinsa gabaa addunyaa biyyoota gidduu jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Itiyoophiyaan hulaa galaanaa dhabuun baasii loojistiksii dabalataa fi dhiibbaa yeroodhaan gabaa addunyaattii fi gatii dorgomaa ta’een akka geessuuf sababa ta’uu hubachiisaniiru.
Baasii dabalataa kun daldala alaa qofa osoo hin taane meeshaalee biyya keessaa irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta’u, kunis gatii meeshaalee biyya alaatii galfaman dabaluudhaan fayyadamtoota irratti dhiibbaa kan geessisu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan gama teessuma lafaa fi baay'ina ummataa qofa osoo hin taane, guddina seenaa, seeraa fi yeroo dheeraatiin abbummaa hulaa galaanaa kanaaf gaaffii dhiheessuu akka qabdu ibsaniiru.
Nageenya daldalaa biyyattii fi tasgabbii dhiyeessii ishee mirkaneessuu keessatti gahumsaan bulchiinsi tajaajila buufata doonii gahee murteessaa akka qabus ibsaniiru.
Gaaffii kana galmaan ga’uuf biyyittiin biyyoota ollaa waliin ta’uun qajeeltoowwan dippilomaasii karaa nagaa, faayidaa waloo hordofuun kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Kunis dandeettii daldalaa fi dinagdee Itiyoophiyaa cimsuu qofa osoo hin taane, nagaa itti fufiinsa qabuu fi tumsa diinagdee naannichaaf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Ogeessi diinagdee Namoomsaa Mangashaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan buufata galaanaa kanarratti mirga abbummaa qabaachuu dorgomtummaa diinagdee guddisuu keessatti gahee murteessaa qaba.
Kunis sochii diinagdee waliigalaa sirreessuun, dhiibbaa gama kanaan lammiilee hundaarra gahu hir’isuuf ga’ee olaanaa qaba jedhaniiru.
Kanaaf buufata galaanaa argachuun kaayyoo misoomaa yeroo dheeraa biyyattii galmaan gahuu fi sadarkaa jireenyaa ummataa fooyyessuuf furmaata bu’uuraa ta’uu hubachiisaniiru.