Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan Dhaabbilee Faayinaansii fi Teeknoolojii Idil-addunyaa waliin tumsa tarsiimawaa Waloo ishee cimsachaa jirti

Onkoloolessa 10/2019(ENA) Itoophiyaan dhaabbilee idil-addunyaa damee teeknoolojii, misoomaa fi baankiin socho'an waliin tumsa waloo tarsiimawaa faayinaansii fi dinagdee ishee cimsachaa jirti.

walga’iin waggaa bara 2026 Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa Taayilaand, Baankookitti gaggeeffameera.

Gareen jila Itoophiyaa bulchaa Baankii Biyyaaleessa Itoophiyaa Doktar Iyyoob Takkaallanyiin durfamu dhaabbiilee faayinaansii Idil-Addunyaa fi bakka bu'oota dhaabbilee faayinaansii damee dhuunfaa waliin marii tarsiimowaa gaggeessera.


Jilichi hogganoota olaanoo dhaabbata teeknoolojii kaffaltii idil-addunyaa (Visa), Baankii Misooma Xaaliyaanii (Cassa Depositi e Prestiti - CDP), fi Bank of America) waliin mari'ateera.

Mariiwwan kunis investimantii kallattii alaa (FDI) guddisuu, danda'amtuu fi caasaa faayinaansii dijiitaalaa cimsusuu, filannoowwan faayinaansii misoomaa jijjiama qilleensaa dandamatan babal'isuu fi Itoophiyaa hidhata baankii daldala idil-addunyaa waliin wal-qunnamsiisuu irratti kan xiyyeeffatanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015