Afriikaan Xaanaa foramiirratti tarsiimoowwanii fi yaadota furmaata beekumsarratti hundaa’e maddisiisuuf humnashee gabbifachaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Afriikaan Xaanaa foramiirratti tarsiimoowwanii fi yaadota furmaata beekumsarratti hundaa’e maddisiisuuf humnashee gabbifachaa jirti
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)- Afriikaan Foramii Xaanaarratti tarsiimoowwanii fi rakkoolee Afriikaaf yaadota furmaata hammataa maddisiisuuf humnashee gabbifachaa jiraachuu ambaasaaddaroonni ibsan.
Foramiin Xaanaa 12ffaan mata duree “daandiiwwan Afriikaa gara nagaatti geessan, birmadummaa dinagdee fi cehumsa siyaanaa naannoo” jedhuun Jimaata dhufu magaalaa Bahaar Daaritti ni eegala.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Gaanaa Makariiyoos Akanbiinab Akanboo akka jedhanitti, Foramiin Xaanaa rakkoolee nageenyaa, tasgabbii fi dinagdee Afriikaa furmaata Afriikaatiin furuuf yaada kan maddisiisu waltajjii murteessaadha.
Addunyaarratti foramiin Muniik, foramiin nageenya Paariis fi foramiin nageenyaa fi tasgabbii biroonjiraatanis Afriikaan waltajjii idilee hin taanee kan akka foramii Xaanaa uumuuf karaa fagoo deemteetti jedhaniiru.
Foramiin Xaanaa rakkooleen walitti bu’iinsaa, tasgabbii dhabuu, yaaddoo nageenyaa fi kufaatii dinagdee Afriikaa keessatti mul’atuuf yaadota Afriikaadhaan deebii furmaataa kennan maddisiisuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Burundii Wiilii Niiyamtiwee, Foramiin Xaanaa tattaaffii gamtaan Afriikaa bara 2030 Afriikaa sagaleen rasaasaa keessatti hin dhagahamne dhugoomsuuf eegale akka deeggaru ibsaniiru.
Foramiin Xaanaa hoggantoonni biyyaa, imaammata baaftonni, dhaabbileen qorannoo imaammataa, hoggantoonni duraanii kan irratti hirmaatan waltajjii guddaa ta’uu ibsanii, waltaanee nageenyaaf waardiyyaa dhaabachuu qabna jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti itti aanaan itti gaafatamaa ergama embaasii Keeniyaa Peetrooniillaa Weer gamasaaniin, Keeniyaan Foramii Xaanaarratti dammaqinaan akka hirmaattu ta’uu ibsaniiru.
Keeniyaan walitti bu’iinsa yeroo garagaraatti ishee mudate ofiisheen furuuf muuxannoo akka qabdu ibsanii, gama Kanaan foramiin Xaanaa waltajjii murteessasdha jedhaniiru.
Foramiin Xaanaa Afriikaanonni beekumsaa fi odeeffannoorratti hundaa’anii imaammattoota baasuuf humna akka ta’uuf ibsaniiru.