Tamsaasa Kallatti:

Bara kana Godinichatti baala Shaayii miiliyoonaa 200 ol dhabauuf hojjetama jira

Onkoloolessa 9/2019(ENA) - Bara kana godina kibba lixa Oromiyaa aanaalee 15 keessatti baala Shaayee miiliyoona 200 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraa jedhan sadarkaa itti aanaa Pirezidaantiitti bulchaan Godinichaa Dr. Rashaad Kamaal ibsan.

Hooggantoonni olaanoon Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Gachiitti misooma baala Shaayee daawwataniiru.

Sadarkaa itti aanaa Pirezidaantiitti bulchaan Godinichaa Dr. Rashaad Kamaal wayita kana akka jedhanitti, dinagdeen hawaasa godinichaa akka guddatu Xiyyeeffatamee ni hojjetama.

Bara kana godinatti aanaalee 15 keessatti baala Shaayee miiliyoona 200 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, biqiltuu kana dhaabuuf kan oolu lafti hektaara kuma 2 ol qophaa’uun dubbataniiru.

 Oomisha kanarraa argamu sona itti dabaluun gabaa alaaf erguuf akka gargaaru warshaan kan dhaabatu ta'uus dubbataniiru.

 Godinichatti qonnaan bultoonni Aanaa Gachiis misoomni baala Shaayee kanaan dura fagootti beekan gara qe'ee isaaniitti dhufuun akka isaan gammachiise himuun, misooma kana oyiruu isaanii irratti kan babalisan ta'uus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015