Qondaaltonni waraanaa biyyoota garaa garaa hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf raawwate dinqisiifatan - ENA Afaan Oromoo
Qondaaltonni waraanaa biyyoota garaa garaa hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf raawwate dinqisiifatan
Onkoloolessa 9/2019 (ENA) Qondaaltonni waraanaa biyyoota garaa garaa hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf raawwate dinqisiifataniiru.
Erga waliigalteen waraana dhaabuu piriitooriyaa mallataa’ee Naannoo Tigiraayitti nageenyi mirkanaa’ee ture. haata’u malee gareen seeraan Alaa TPLF walii galtee piriitoriyaa diiguun irra deebiin waraanatti seenee jira.
garichi odeeffannoo dogoggoraa kennuun fudhatama argachuuf tattaafachaa turus Raayyaan ittisa biyyaa haqa jiru qondaaltota waraana biyyoota adda addaa irraa dhufan hubachiiseera.
Qondaaltonni waraanaa biyyoota adda addaa irraa dhufan hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyya kabachiisuuf taasise dinqisiifataniiru.
Baangilaadish irraa kan dhufe Birgaader Jeneraal Jii’eem Shaariifuul Itoophiyaan birmadummaashee eeggachuuf mirga seera qabeessa guutuu qabaachuu ibsaniiru. xiyyeeffannoon saanii miidhaa biyyarratti aggamame qolachuu ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas qondaalli waraanaa UK irraa dhufan raayyaan ittisa biyyaa birmadumma biyyaa kabachiisuuf waan raawwateen odeeffannoon ifa hin taane akka ture ibsuun, Ibsa raayyan ittisa biyyaa Itoophiyaa isaaniif kenne akka qondaala loltuu tokkootti ragaa guutuu fi sirrii argachuusaanii ibsaniiru.
Odeeffannoon asii arganne kan miidiyaa fi maddoota biroo irraa argannu caalaa ilaacha fooya’aa akka qabaannu nu taasiseera jedhaniiru.
Dabalataanis qondaalli waraanaa Awustiraaliyaa irraa dhufte Koloneel Kaareen bakka bu’oonni qondaaltonni waraanaa biyyoota adda addaa irraa dhufanii Itoophiyaatti argamuun faayidaa qabaachuu ibsaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasisan dinqisiifataniiru.
Qondaaltonni waraanaa biyyoota adda adddaa irraa dhufanis meeshaa waraanaa garee seeraan alaa TPLF irraa booji’ame daawwataniiru.