Tamsaasa Kallatti:

Fooramiin Xaanaa nageenyaa fi guddina dinagdee Afrikaaf gahee olaanaa qaba – Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa

Fooramiin Xaanaa dhimmoota nageenyaa fi guddina dinagdee Afrikaa irratti marii bilisaa gaggeessuun, kutannoo Itoophiyaan tumsa ardichaaf qabdu kan itti agarsiistu ta’uu Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti  Daarektar jeneraaliin  Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ibsan.


Itoophiyaan Fooramii Xaanaa, guddina dinagdee Afrikaa irratti xiyyeeffatu, waggoota 15'f milkaa'inaan keessummeessaa turteetti.


Fooramiin Xaanaa 12ffaan mata duree "Daandiiwwan Afrikaa Gara Nageenyaatti Geessan, Birmadummaa Dinagdee fi Ce'umsa Siyaasaa Naannawaa" jedhuun Jimaata dhufu magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamuu ni jalqaba.


Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ENA'f akka ibsanitti, Fooramiin Xaanaa waltajjii hoggantoonni, dippilomaatonni, dhaabbileen hawaasa siivilii fi hayyoonni beekumsa irratti hundaa'uun bilisaan kan irratti mari'atanidha.


Fooramichi hoggantoonni Afrikaa waltajjiiwwan siyaasaa baratamoo irraa karaa adda ta'een dhimmoota ardichaa irratti akka mari'achuu danda’an carraa uumuu isaa ibsaniiru.


Keessumaa nageenyaa, tasgabbii fi guddina dinagdee Afrikaa irratti yaada bilisaan waljijjiiruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himaniiru.


Kana malees, rakkoolee Afrikaa adda baasuu, furmaata irratti mari'achuu fi ajandaalee ardichaa sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuu keessatti shoora guddaa bahachuu eeraniiru.


Itoophiyaan jalqabaa kaasee Fooramii Xaanaa keessummeessuun itti fufuu isheetiin, kutannoo hoggansaafi tumsa Afrikaaf qabdu agarsiisaa jiraachuu Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015