Yunivarsiitiin Haroo Mayaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jira
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)-Yunivarsiitiin Haroo Mayaa sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan gahuu gahuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jiraachuu ibse.
Yunivarsiitichatti qindeessituun garee qorannoo fi faasiliitii midhaanii fi beelladaa Burtukaan Yimaam ENA’f akka ibsanitti, sanyuun kun mooraa muummee, Baabbilee, Kurfaa callee, Fadiis, Giraawwaa Hirnaa, Dirree Dawaa dabalatee bakkee birootti kan argaman buufataalee qorannoo 14 keessatti gaggeeffama.
Sanyiin baay’ifamanis Boloqqee, Qamadii, Atara, Loozii, Baaqilaa, Mosee fi akaakuuwwan midhaanii biroo ta’uu fi sanyiiwwan filatamaa baay’ifaman hongee fi dhukkuba damdamachuun oomisha gaarii akka kennan ibsameera.
Misooma Intarpiraayizii Yunivarsiitichatti qindeessaan mekaanaayizeeshinii qonnaa obbo Taaddasaa Addunyaa gamasaaniin, yunivarsiitichi hanqina sanyii filatamaa furuuf akaakuuwwan midhaan qorannoon fooyya’an baay’isaa akka jiru ibsaniiru.
Bar-dheengaddaa sanyiiwwa Mosee ‘Buubbuu’ fi ‘Guddannee’ jedhaman baay’isuu sanyii kuntaala kuma 2 gatii madaalawaan qonnaan bultoota naannawaa fi kanneen biroof gatii madaalawaan raabseera.
Kana malees Yunivarsiitichi sanyii loonii foyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jira.
Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barsiisaan kutaa barnootaa saayinsii beelladaa fi qindeessaan faarmii beelladaa Guutaa Kumsaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi misooma qabeenya beelladaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru.
Wiirtuu horsiisa beelladaa keessatti sanyiiwwan beelladaa guyyaatti aannan liitira 30 ta’u elmaman fooyyessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u beelladoota karaa nam tolcheen diqaalfaman hawaasa naannawaa fi dhaabbilee biroof ni dhiheeffama.
Sanyii baay’isuurratti kan hirmaatan Jamiilaa Umar akka ibsanitti, bara kana hanqinni roobaa jiraatus jallisiitti gargaaramuun sanyiin baay’ifameera.
Omishni walitti qabamus hanqina sanyii roobaan mudachuu danda’u furuuf akka gargaaru ibsaniiru.